MACAAFA FAARFANNAA 90:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa gooftaa, ati dhalootaa hamma dhalootaatti, iddoo kooluu itti gallu nuuf taateetta.

2Tulloonni utuu iddoo isaaniitti hin dhalatin lafti, guutummaan biyya lafaas utuu hin argamin, bara baraa jalqabee hamma bara baraatti ati Waaqayyoo dha.

3Ati, ?Yaa ijoollee namootaa, achitti deebi'aa? in jetta, namas deebiftee biyyoo isa in goota*.

4Waggaan kumni tokko, siif akkuma guyyaa kaleessa darbee ti, akkuma darabee dammaqa halkanii tis*.

5Ati namoota hartee in dabarsita, isaan akka hirriba ganama nama irraa darbuu ti; isaan akka marga iddoo isaatii baduu ti;

6Margi ganama lalisee in daraara, galgala mataa buusee in coollaga*.[313]

7Nuyi dheekkamsa keetiin naasifamnee, aarii keetiinis dhumneerra.

8Ati irra-daddarbaa keenya of dura, cubbuu keenya isa dhoksaatti hojjennes ifa fuula kee dura keesseetta*.

9Guyyoonni keenya hundinuu nuyi dheekkamsa kee jala utuu jirruu darban, akkuma isa yeroo hafuura dheeraa baafannuttis, waggoota keenya in fixna.

10Barri jireenya keenyaa waggaa torbaatama, yoo baay'ates waggaa saddeetama; wanti isaan keessaa guddaatti lakkaa'amus dadhabbii fi rakkina, isaan dafanii in darbu nuyis baallee baafnee in sokkina.[314]

11Humni aarii keetii eenyutti dhaga'ama? Akka ulfina guddaa isa siif ta'utti, dheekkamsa kee isa guddaa eenyutu hubata ree?

12Nuyi ogummaa garaatti akka galfannutti, ati guyyoota jireenya keenyaa lakkaa'uu nu barsiisi*![315]

13Hamma yoomiitti dheekkamta? Deebi'i, yaa gooftaa! Garboota keetiif oo'i*!

14Bara keenya guutuu gammannee akka ililchinutti, ati ganama gaarummaa keetiin nu quufsi!

15Akkuma guyyoota baay'ee nu gaddisiifte, akkuma waggoota baay'ee itti hamaa argines, amma immoo nu gammachiisi!

16Hojiin kee garboota keetti, guddinni kees ijoollee isaaniitti akka mul'atu godhi!

17Waaqayyo keenya gooftichi faara nutti haa tolu, inni hojii harka keenyaas cimsee nuuf haa dhaabu! Eyyee hojii harka keenyaa cimsii dhaabi![316]

ticle>