MACAAFA FAARFANNAA 93:1-5 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo mootii dha, inni surraa uffate, aangoos uffatee akka hidhannaattis isa hidhate; biyyi lafaa jabaatee in dhaabata, iddoo isaatiis hin butatu*.

2Teessoon kee durii durii jalqabee jabaatee in dhaabata; ati bara durii durii jalqabdee jirta.[325]

3Bishaanonni yaa'an ol ka'aniiru, yaa Waaqayyo, bishaanonni yaa'an huursaa isaanii ol kaasaniiru, bishaanonni yaa'an bubbisuu isaanii ol kaasaniiru.

4Huursaa bishaan baay'ee surraa qabu caalaa, dha'aa galaanaa isa humnaan wal rukutu caalaas, Waaqayyo inni hundumaa gara irraa jiru surra-qabeessa*!

5Abboommiin siif dhugaa ba'u, guddaa amanamaa dha, manni kee guyyaa hundumaa qulqullummaatti eegamuun in ta'a, yaa Waaqayyo![326]

icle>