17Waaqayyo utuu ana hin gargaarre ta'ee,silaa yowwana lubbuun koobiyya warra cal jedhanii keessa buufatteetti*!
18Yeroo ani, ?Miilli koo in sigigaate? jedhetti,gaarummaan kee qabee na oolche, yaa Waaqayyo!
19Yeroo yaaddoon garaa kootti baay'atu,ati na jajjabeessitee lubbuu koo in gammachiifta*.[331]
20Namni badiisa namatti fiduudhaafbarcuma firdii irra taa'u,inni seera jal'iseewanta hamaa nama irratti qopheessus,sii wajjin walitti hidhachuu in danda'aa ree?
21Isaan jireenya nama qajeelaa irratti in gamtatu,dhiiga nama balleessaa hin qabneettidhangala'uu in muru.
22Waaqayyo garuu da'oo anaaf ta'eera,Waaqayyo kattaa ani kooluu itti galuu dha.
23Inni yakka isaanii mataa isaaniitti in deebisa,jal'ina isaaniitiifis lafa irraa isaan in balleessa,Waaqayyo keenya gooftichi lafa irraa isaan in balleessa.