MACAAFA FAARFANNAA 95:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Kottaa Waaqayyoon in faarfannaa! Kattaa isa itti baqannee oollutti gammaduu keenyas in dhageessifna.

2Galataan fuula isaa duratti in dhi'aanna, isatti gammaduu keenya faarfannaadhaan in dhageessifna.

3Waaqayyo gooftaa isa guddaa waan ta'eef, waaqayyolii hundumaa irrattis inni mootii guddaa dha*;

4lafa jalaa iddoon gad fagoon harka isaa keessa jira, bantiin tullootaas kan isaa ti;

5galaanonni kan isaa ti, isatu isaan hojjete, lafti gogaanis kan isaa ti harka isaatu isa tolche.[332]

6Kottaa in sagannaa gadis in jennaa, Waaqayyo uumaa keenya durattis in jilbeenfannaa!

7Innoo Waaqayyo keenya, nuyi saba harka isaa jala jirruu dha, hoolota inni tiksuu dhas har'a sagalee isaa utuu dhaggeeffattanii attam gaarii dha*![333]

8Akkuma Mariibaa iddoo morkii sanatti, akka gaafa Maasaa iddoo qoramaa isa lafa onaa keessaatti isin mata-jabeeyyii hin ta'inaa*!

9Abaabiliin keessan achitti na qoran, wanta ani godhe utuma arganii qoranii na ilaalan*.

10Waggaa afurtamaaf dhaloota akkasii arguu na jibbisiise, ani, ?Isaan saba garaan isaa karaa irraa kaatuu dha, karaa koos beekuu hin barbaadan;

11Kanaafan aaree, ?Matumaa biyya boqonnaa isa ani qopheessetti hin galan? jedhee kakadhe? jedhe*.[334]

ticle>