MACAAFA FAARFANNAA 96:1-13 GAZB1997 - Bible AI

1Faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa, guutummaan biyya lafaas Waaqayyoon faarfadhaa*!

2Waaqayyoon faarfadhaa, maqaa isaas eebbisaa, fayyisuu isaas guyyuma guyyaatti labsaa!

3Saba lafa irraa keessatti guddina isaa, saba hundumaa keessattis gocha isaa isa dinqisiisaa beeksisaa![335]

4Waaqayyo guddaa dha, guddisee jajamuun in ta'aaf, waaqayyolii hundumaa gara irraattis sodaatamuun isaaf in ta'a.

5Waaqayyoliin saba warra kaanii hundinuu kan dhimma hin baafnee dha, Waaqayyo garuu bantiiwwan waaqaa in hojjete*.

6Surraan, simboonis fuula isaa dura, aangoon, miidhagummaanis mana qulqullummaa isaa keessa jiru.[336]

7Isin qomoon saba hundaa Waaqayyoof ulfina dhi'eessaa! Aangoo Waaqayyoos beeksisaa!

8Ulfina maqaa isaatiif ta'u Waaqayyoof dhi'eessaa! Kennaa fidaatii gara oobdii isaa kottaa!

9Qulqullummaa akka mi'a miidhaginaatti naqadhaatii Waaqayyoof sagadaa, yaa guutummaa lafaa, isa duratti rom'i!

10Saba lafa irraa keessatti, ?Waaqayyo mootii dha! Eyyee, inni biyya lafaa jabeessee dhaabeera, iddoo isaatiis akka inni hin butanne godheera; qajeeltoodhaanis saba hundumaaf firdii in kenna? jedhaa*!

11Bantiiwwan waaqaa haa gammadan, laftis gammachuu haa qabaatu, galaanni wanti isa keessa guutes haa huursu!

12Bakkeen, wanti isa keessa jiru hundinuus haa gammadan eyyee, mukeetiin caakkaa hundinuu sagalee gammachuu haa dhageessisan!

13Kun fuula Waaqayyoo duratti in ta'a, inni in dhufa, eyyee, inni lafaaf firdii kennuudhaaf in dhufa; guutummaa biyya lafaaf qajeelummaadhaan saba hundumaafis amanamummaadhaan firdii in kenna*.[337]

ticle>