MACAAFA FAARFANNAA 97:1-12 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo mootii dha! Lafti gammachuu haa qabaattu! Biyyi bishaan keessaa warri baay'een haa gammadan*!

2Duumessi ifaan, duumessi gurraachi dukkanaa'aanis isatti naanna'anii jiru, teessoon isaas qajeelummaa fi dhugaa irra dhaabate.

3Ibiddi fuula isaa dura in adeema, diinota isaa naannoo isaatii nyaatee in fixa;

4balaqqeessi isaa biyya lafaa in ibsa, lafti isa in arga, in rom'as*;

5fuula Waaqayyoo duraa, fuula gooftaa guutummaa lafaa duraa, tulloonni akka gagaa in baqu*.

6Bantiiwwan waaqaa qajeelummaa isaa in labsu, sabni hundinuus ulfina isaa in argu*.[338]

7Warri bifa fakkeenyaa dhaabbatanii hojjetaniif hundinuu, waaqayyolii tolfamaniinis warri of jajan in yeellaasifamu; waaqayyoliin hundinuu gooftichaaf in sagadu*.

8Warri Xiyoon kana dhaga'anii in gammadu, ijoolleen Yihudaas firdii kennuu keetiif in ililchu, yaa Waaqayyo!

9Yaa Waaqayyo, ati guutummaa lafaa hundumaa gara irraa jirta, waaqayyolii hundumaa gara irraattis ol ol in jetta*.[339]

10Isin warri Waaqayyoon jaallattan wanta hamaa jibbaa! Inni lubbuu warra isaaf of kennanii in eega, harka jal'ootaas isaan in oolcha.

11Nama qajeelaaf ifni, warra gara-qajeelotaafis gammachuun in ba'a;

12qajeelota nana, Waaqayyotti gammadaa, seenaa qulqullina isaatiifis galata isaaf galchaa!

ticle>