1Hojii guddaa dinqisiisaa waan hojjeteef, faarfannaa haaraadhaan Waaqayyoon faarfadhaa! Harki isaa inni mirgaa, irreen isaa inni qulqulluunis, mo'icha isa argachiisaniiru*.
2Waaqayyo mo'uu isaatiin fayyisuu isaa beeksiseera, saba lafa irraa durattis gocha isaa isa qajeelaa mul'iseera.
3inni gaarummaa isaa fi amanamummaa isaa, mana Israa'eliif yaadateera; warri andaara lafaa jiran hundinuu fayyisuu Waaqayyo keenyaa arganiiru*.[340]
4Yaa guutummaa lafaa, Waaqayyotti gammaduu kee guddisii dhageessisi, weedduu gammachuu guddisii dhageessisi, ililleedhaanis faarfadhu!
5Sagalee kiraara guddaatiin, kiraaraa fi sagalee faarfannaatiin Waaqayyoon jajadhaa!
6Fiingee fi fiinoo afuufaa, Waaqayyo mooticha durattis gammaduu keessan guddisaa dhageessisaa!
7Galaanni, wanti isa keessa guute, biyyi lafaa, warri isa keessa jiraatanis haa huursan*!
8Lagoonni harka isaanii walitti haa rukutan, tulloonni walii wajjin haa ililchan!
9Waaqayyo lafaaf firdii kennuuf waan dhufuuf, fuula isaa duratti kana haa dhageessisan! inni qajeelummaadhaan biyya lafaaf firdii in kenna, saba hundumaas qajeeltootti firdii in dhageessisa*.[341]