MACAAFA FAARFANNAA 99:1-9 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo mootii dha, sababii kanaaf sabni hundinuu in rom'a! Inni teessoo isaa isa Kiruubel baatan irra jira, sababii kanaaf lafti in socho'a*!

2Waaqayyo Xiyoonitti guddaa dha, inni saba hundumaa irratti ol jedhaa dha.

3Maqaa kee isa guddaadhaa fi isa sodaatamaadhaafis galata haa galchan! Inni dhuguma qulqulluu dha![342]

4Aangoon mootichaa, wanta dhugaa ta'e in jaallata; ati wanta qajeelaa ta'e jabeessitee dhaabdeetta, dhugaan, qajeelummaanis Yaaqoob keessatti akka argamu gooteetta.

5Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, ejjeta miilla isaa jalatti isaaf sagadaa! Inni dhuguma qulqulluu dha*![343]

6Museenii fi Aaron luboota isaa keessa turan; Saamu'elis immoo warra maqaa isaa waammatan keessaa tokko ture; isaan Waaqayyoon waammatan, innis isaaniif deebise.

7Inni utubaa duumessaa keessaa isaanitti dubbate, isaan immoo abboommii isaaf dhugaa ba'u, seerrata inni isaaniif kennes eeganiiru*.[344]

8Yaa Waaqayyo gooftaa keenyaa, ati deebii isaaniif kennite; Waaqayyo isa isaaniif dhiisu, hojii isaanii irrattis isa haala isaanitti ba'u taateettaaf*.

9Waaqayyoon gooftaa keenya ulfinaan ol kaasaa, Waaqayyo gooftaan keenya qulqulluu dha; tulluu isaa isa qulqullaa'aa irratti isaaf sagadaa![345]

icle>