1Kun mul'ata Yesus Kristos, isa inni ittiin wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuuf Waaqayyo biraa argatee dha; inni ergamaa isaa waaqa irraa ergee kana hojjetaa isaa Yohannisitti beeksise*.
2Yohannis wanta Waaqayyo dubbate, Yesus Kristos isaaf dhugaa ba'uu isaa, hamma dhaga'ee fi hamma arge dhugaa ba'eera*.
3Barri kun itti raawwatamu waan dhi'aateef, namni isa inni dhugaa ba'e kana dhageessisee dubbisu, warri dubbii raajii dubbatame kana dhaga'anii, wanta isa keessatti caafames eegan attam haa gammadan*!
4Ani Yohannis, waldoota kristiiyaanaa torban kutaa biyya Asiyaa keessa jirtaniif kana caafuu koo ti. ?Ayyaanni, nagaanis Waaqayyo isa jiru, isa ture, isa dhufuuf jiru biraa, hafuurota torban teessoo isaa dura jiran biraa*,
5Yesus Kristos biraas isiniif haa ta'u!? jedhee nagaa koo isiniif nan dhi'eessa.
6Isa mootummaadhaa fi Waaqayyo abbaa isaatiif luboota akka taanu nu godhate sanaaf, ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen*.
7
8Waaqayyo gooftichi, inni jiru, inni ture, inni dhufuuf jiru, inni hundumaa danda'u, ?Ani Alfaa dha, Omeegaa dhas? jedha; [kana jechuun, ?Ani isa duraa ti, isa booddee tis? jechuu dha]*.
9Ani Yohannis obboleessi keessan rakkina keessaa, mootummaa keessaa, obsaan Yesusii wajjin hafuu keessaas isinii wajjin nan hirmaadha. Dubbii Waaqayyoo duukaa, wanta Yesus dhugaa ba'e duukaas waanan bu'eef, biyya bishaan keessaa ishee ?Phaaximoo? jedhamtu tokkotti nan geeffame*.
10Guyyaa isa ?Guyyaa Gooftaa? jedhamee beekametti, ani hafuuraan guutameen booddee kootiin sagalee guddaa, sagalee malakataa fakkaatu tokko dhaga'e*.
11Sagalichis, ?Waan argaa jirtu akka inni macaafa ta'utti caafi! Isas waldoota kristiiyaanaa mandara Efesoon, mandara Simiirnaa, mandara Phergamoon, mandara Tiyaatiraa, mandara Saardes, mandara Filaadelfiyaa, mandara Laa'odiiqeyaa jiran torbaniif ergi!? jedhe.
12Ani sagalee dhaga'een isa anatti dubbatu ilaaluudhaaf gara gale; yommuun gara gales baattuu ibsaa warqee irraa hojjetame torba nan arge*.
13Baattuuwwan ibsaa sana gidduu immoo ilma namaa kan fakkaatu tokko uffata gad dheeraa miilla bira ga'u uffatee, wanta akka hidhata warqeetiinis qoma isaa hidhatee ture*.
14Rifeensi mataa isaa akka rifeensa hidamaa yookiis akka cabbii in calaqqisa; iji isaas akka barbadaa ibiddaa ti*.
15Miilli isaa akka sibiila diimaa isa boolla ibiddaa keessatti baqfamee ifuu ti, sagaleen isaas akka sagalee huursaa bishaan baay'ee ti*.
16Harka isaa mirgaa keessaa urjoota torba qaba; afaan isaa keessaa billaa qara-qabeessa gara lamaan qarametu ba'a; fuulli isaas akka biiftuu saafaa in ifa*.
17Yommuun isa arge akka nama du'ee miilla isaa jalatti nan kufe. Inni immoo harka isaa mirgaa ana irra kaa'ee, ?Hin sodaatin! Inni duraa, inni booddees ana*;
18inni jiraatus ana. Takka illee du'een ture, amma garuu kunoo baraa hamma bara baraatti jiraachuuttan jira; du'a irratti, balbala iddoo warra du'anii banu irrattis ani gooftummaa qaba*.
19Ammas wanta amma ta'uutti jiru, wanta kana booddee ta'uuf jirus isa argite caafi!
20Hiikaan urjoota torban harka koo mirgaa keessatti argite akkasumas baattuuwwan ibsaa warqee irraa hojjetaman torbanii dhokataa ture; amma garuu urjoonni torban ergamoota waldoota torbanii ti, baattuuwwan ibsaa torbanis waldoota torban sanatti in hiikama? jedhe.