1Uleen akka ulee safaraa tokko anaaf in kenname; yommus tokko anatti dubbatee, ?Ka'i! Mana qulqullummaa Waaqayyoo iddoo aarsichaas safariitii namoota achitti sagadanis lakkaa'i*!
2Garuu oobdii mana qulqullummaa safaruu dhiisi! Inni warra saba Waaqayyoo hin ta'initti kennameera; isaan immoo ji'a afurtamii lamaaf mandara qulqullaa'aa sana dhidhiituuf jiru*.
3Dhuga-baatonni koo lamaan uffata gaddaa uffatanii, guyyoota kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi jaataman sana raajii akka dubbataniif ani karaa nan kennaaf? jedhe*.
4Dhuga-baatonni lamaan immoo, muka ejersaa lamaanii fi baattuu ibsaa lamaan Waaqayyo gooftaa biyya lafaa dura dhaabatanii dha*.
5Eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaade, ibiddi afaan isaanii keessaa ba'ee diinota isaanii in fixa; eenyu illee isaan miidhuu yoo barbaades akkasitti ajjeefamuun irra jira*.
6Isaan kun lamaan bara raajii dubbatan sana waaqa keessaa bokkaan akka hin roobneef cufuudhaaf aboo qabu; bishaanota dhiigatti geddaruudhaaf, yeroo barbaadanittis dha'icha waan jedhamu hundumaan biyya lafaa rukutuudhaaf aboo qabu*.
7Yommuu isaan dhugaa ba'uu isaanii raawwatan, bineensichi iddoo lafa jalaa sana keessaa ba'ee, lola isaanitti kaasuuf, isaan mo'uuf, isaan ajjeesuufis jira*.
8Reeffi isaaniis mandaricha guddicha isa gooftaan isaanii duraan itti fannifame keessaa karaa irratti argamuuf jira; mandarri sunis ija hafuuraatiin yommuu ilaalamu ?Sodoom yookiis Gibxi? jedhamee in waamama*.
9Nama hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, afaan hundumaa keessaa, saba hundumaa keessaa warri dhufan, guyyaa sadii fi walakkaadhaaf reeffa isaanii lafatti in ilaalu malee, hin awwaalchisan.
10Warri biyya lafaa irra jiraatan kanatti in gammadu; kun isaanitti in tola; raajonni warra biyya lafaa irra jiraatan dhiphisan kun waan du'aniifis, namoonni gammadanii kennaa waliif in ergu.
11Guyyaa sadii fi walakkaa booddee immoo hafuurri jireenya kennu Waaqayyo biraa dhufee, raajota du'an sanatti gale. Isaanis ka'anii dhaabatan; warri isaan argan hundinuu guddaa in sodaatan*.
12Yommus raajonni lamaan sun waaqa keessaa sagalee guddaa, ?As ol kottaa!? jedhee isaan waamu tokko in dhaga'an. Isaan duumessa keessa gara waaqaatti ol in ba'an; diinonni isaaniis kana in argan*.
13Yeroo sanattis socho'a lafaa guddaatu ta'e; harka kudhan keessaa harki tokkon mandarichaa in jijjige. Namoonni beekamoonni kumni torba socho'a lafaa kanaan ajjeefamanii, warri hafan immoo sodaatanii, Waaqayyo gooftaa waaqaaf hooqubaa dhi'eessan*.
14Wayyoon inni lammaffaan darbeera; wayyoon inni sadaffaan immoo kunoo dafee in dhufa*.
15Kana booddees ergamichi torbaffaan malakata isaa afuufe. Waaqa keessaas sagaleen guddaan, ?Mootummaan biyya lafaa kan gooftaa keenyaa, kan Masiihii isaatiis ta'eera; inni immoo baraa hamma bara baraatti in mo'a? jedhu in dhaga'ame*.
16Maanguddoonni digdamii arfan warri fuula Waaqayyoo dura teessoo isaanii irra taa'an, adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoof in sagadan*.
17
18
19Kana booddee manni qulqullummaa Waaqayyoo inni waaqa keessaa banamee, sanduuqi kakuu mana qulqullummaa isaa keessaas in argame; balaqqeessi in balaqqeessa'e, sagaleen biraa, kakawweenis wal jalaa in qaban, lafti in socho'e, cabbiin guddaanis in bu'e*.