1Ergasiis ani ilaalee, hoolicha tulluu Xiyoon irra dhaabate nan arge; namoonni kumaatamni dhibbaa fi kumni afurtamii arfan, warri maqaan isaa, maqaan abbaa isaatiis adda isaaniitti caafamee ture, isaa wajjin turan*.
2Sagalee akka huursaa bishaan baay'ee, akka guungummii kakawwee guddaas waaqa keessaa nan dhaga'e; sagaleen ani dhaga'es waan akka sagalee kiraara gurguddaa warri kiraara rukutan dhageessisanii ture*.
3Isaan faarfannaa haaraa fuula teessichaa, fuula uumama lubbuu qaban arfanii, fuula maanguddootaa duratti in faarfatu; faarfannaa sana immoo warra kumaatama dhibbaa fi kuma afurtamii arfan, biyya lafaa keessaa furaman sana malee, namni biraa tokko illee baruu hin danda'u*.
4Isaan kun warra dubartoota bira dhaquudhaan of hin xureessinii dha, isaan qeerrota duudaa dha; warri lafa hoolichi dhaqu hundumaatti isa duukaa bu'an isaan kana. Isaan kun warra sanyii namaa keessaa Waaqayyoo fi hoolichaaf furaman, warra jalqabaa ti*.
5Sobni tokko illee afaan isaanii keessatti hin argamne; isaan warra mudaa hin qabnee dha*.
6Kana booddee ergamaan biraa tokko, wangeela isa bara baraa baatee, warra lafa irra taa'anitti, saba hundumaatti, gosa hundumaatti, afaan dubbatamu hundumaatti, nama hundumaattis labsuudhaaf bantii waaqaa walakkaa utuu balali'uu nan arge.
7Innis sagalee guddaadhaan, ?Yeroon firdii isaa waan ga'eef, Waaqayyoon sodaadhaa, ulfinas kennaaf! Isa waaqa, lafa, galaana, burqituu bishaanii uumeefis sagadaa!? jedhe*.
8Ergamaan biraa, inni lammaffaanis isa duraa duukaa bu'ee, ?Kufteetti, Baabilon guddittiin isheen sabni hundinuu daadhii waynii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa dhufu akka dhugan goote, kufteetti!? jedhe*.
9Ergamaan biraa, inni sadaffaanis isaan duukaa bu'ee sagalee guddaadhaan, ?Namni bineensichaa fi bifa fakkeenya isaafis yoo sagade, gubaa sanas adda isaatti yookiis harka isaatti yoo fudhate*,
10innis ofii isaatii daadhii waynii dheekkamsa Waaqayyoo, isa utuu makaa hin qabaatin xoofoo dheekkamsa isaatti buufame dhuguuf jira; fuula ergamoota qulqullootaatti, fuula hoolichaa durattis ibiddaa fi dhagaa boba'uun dhiphifamuuf jira*.
11Aarri ibidda isaan dhiphisu immoo baruma baraan ol in ba'a; warra bineensichaa fi, bifa fakkeenya isaatiifis sagadaniif, nama gubaa maqaa isaa argisiisu fudhatuufis, halkan, guyyaas aara galfachuun hin jiru? jedhe*.
12Kana keessatti obsaan danda'uun warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, abboommii Waaqayyoo eeganii, Yesusitti amanuu isaanii jabeessanii in barbaadama*.
13Ani amma immoo sagalee waaqa keessaa, ?Warri gooftaatti qabamanii utuu jiranii du'an, ammaa jalqabanii warra gammadanii dha, kana caafi!? naan jedhu nan dhaga'e. Hafuurri qulqulluunis, ?Eyyee, dadhabbii isaaniittii aara haa galfatan, iji hojii isaanii immoo isaan duukaa in bu'a? in jedha*.
14Kana booddees ilaaleen duumessa adii tokko arge, ilma namaa kan fakkaatu tokko immoo, gonfoo warqee mataatti kaa'atee, haamtuu qaramaa tokkos harkatti qabatee, duumessa sana irra taa'ee ture*.
15Ergamaan biraa tokko immoo mana qulqullummaa sana keessaa ba'ee, sagalee guddaadhaan isa duumessa irra taa'e sanaan, ?Wanti biyya lafaa kanaa haamamu guutummaatti bilchaatee irra darbeera, yeroon haamaas ga'eera, haamtuu kee itti kaa'iitii haami!? jedhe*.
16Kana irratti inni duumessicha irra taa'e haamtuu isaa biyya lafaatti kaa'ee isa cire, biyyi lafaas in haamame.
17Ammas ergamaan biraa tokko mana qulqullummaa isa waaqa irraa keessaa in ba'e; innis immoo haamtuu qaramaa of harkaa qaba ture.
18Kana booddee ergamaan biraa inni ibidda irratti aboo qabu tokko iddoo aarsaatii gad ba'ee, sagalee guddaadhaan ergamaa isa haamtuu qaramaa baatu sanaan, ?Iji waynii isaa waan bilchaateef, haamtuu kee itti kaa'iitii hurbuu waynii biyya lafaa kutii walitti qabi!? jedhe.
19Kanaaf ergamaan sun haamtuu isaa biyya lafaatti kaa'ee, hurbuu wayniis muka isaa irraa kutee, iddoo cuunfaa waynii dheekkamsa Waaqayyoo isa guddaatti daddarbate*.
20Wanti iddoo cuunfaa sana keessa jirus mandara duubatti in dhidhiitame; iddoo cuunfaa sana keessaas dhiigni in ba'e. Inni luugama fardaa bira hamma ga'utti ol ka'ee, akka kiilo metrii dhibba sadiif immoo in lola'e*.