MUL'ATA YOHANNIS 15:1-8 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddees milikkita guddaadhaa fi dinqisiisaa biraa tokko, waaqa keessatti nan arge; innis ergamoota torba warra dha'icha gara dhumaa torban of harkaa qaban ture; dheekkamsi Waaqayyoo isaan kanaan waan dhaabatuuf, dha'icha gara dhumaa jedhaman*.[77]

2Ergasii ani wanta akka galaana dhoqqee of ilaalee ibiddaan makaa irraa hojjetame tokko nan arge. Akkasumas warri bineensicha, bifa fakkeenya bineensichaa, lakkoobsa maqaa isaatiif dhaabatu irrattis mo'icha argatan, kiraara isa kan Waaqayyoo harka isaaniitti qabatanii, wanta akka galaana dhoqqee of ilaalee sana bukkee dhaabatanii nan arge*.

3Isaan faarfannaa Musee garbicha Waaqayyoo, faarfannaa hoolichaas in faarfatu,

3?Yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, hojiin kee guddaa dha, dinqisiisaa dhas! Ati yaa mootii saba hundumaa, karaan kee hundinuu qajeelaa dha dhugaa dhas*!

4Yaa gooftaa! Namni si hin sodaanne, maqaa kees kan hin guddifne eenyu? Si duwwaatu qulqulluu dha; sabni hundinuu in dhufu, siifis in sagadu; gochaan kee inni qajeelaan mul'ifameera*!? in jedhu*.[78]

5Kana booddees waan biraa nan arge; manni qulqullummaa inni waaqa irraa, dunkaanni dhuga-baatuu in baname*;

6ergamoonni torbas uffata calaqqisaa quncee muka talbaa qullaa'aa irraa hojjetame uffatanii, qoma isaaniis hidhata warqeetiin hidhatanii, dha'icha torban sana of harkatti qabatanii, mana qulqullummaa sana keessaa in ba'an*.

7Uumama lubbuu qaban arfan keessaa inni tokko, waciitii warqee irraa hojjetaman torba, dheekkamsi Waaqayyoo isa bara baraan jiraatu akka keessa guutetti, ergamoota torbaniif kenne*.

8Manni qulqullummaa sunis guddina Waaqayyoof aangoo isaa irraa kan ka'e aaraan in guute; hamma yeroo dha'ichi torban ergamoonni torban fidan sun raawwatamettis, eenyu illee mana qulqullummaa sana lixuu hin dandeenye*.[79]

le>