MUL'ATA YOHANNIS 16:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus mana qulqullummaa sana keessaa sagalee guddaa ergamoota torban sanaan, ?Dhaqaa, waciitii dheekkamsa Waaqayyoo torbanuu keessaa lafa irratti gad naqaa!? jedhu nan dhaga'e*.[80]

2Egaa ergamaan inni duraa achii ba'ee, waciitii isaa keessaa lafa irratti gad in naqe; madaan sodaachisaanii fi dhukkubsaan, namoota gubaa bineensichaa of irraa qabanitti, warra bifa fakkeenya isaatiif sagadanittis in nam'e*.[81]

3Ergamaan inni lammaffaan immoo waciitii isaa keessaa galaana irratti gad in naqe; innis akka dhiiga nama du'u keessaa dhangala'ee ta'e; wanti lubbuu qaban galaana keessa jiraatan hundinuus in du'an.

4Ergamaan inni sadaffaan immoo waciitii isaa keessaa laga irratti burqituu bishaanii irrattis gad in naqe; isaan immoo dhiiga in ta'an*.

5Yommus ani, ergamaan waa'ee bishaanii beeku dubbachuu isaa nan dhaga'e; innis,

5?Ati, yaa isa qulqulluu, inni jirtu, inni turtes, firdii kana kennuun kee qajeelaa dha!

6Namoonni dhiiga warra siif qulqullaa'anii, kan raajotaas dhangalaasaniiru; ati immoo dhiiga akka dhuganiif isaaniif laatteetta; kun wanta isaaniif ta'uu dha!? jedhe*.

7Sagaleen tokkos iddoo aarsaatii, ?Eyyee, yaa Waaqayyo gooftaa hundumaa dandeessuu, firdiin kee dhugaa dha qajeelaa dhas!? utuu jedhuu nan dhaga'e*.[82]

8Ergamaan inni afuraffaan immoo waciitii isaa keessaa biiftuu irratti gad in naqe; inni immoo ibidda isaatiin namoota waxaluun in kennameef;

9namoonnis ho'a sodaachisaa sanaan in waxalaman. Kana keessaa immoo isaan Waaqayyoon isa dha'icha kana hundumaa irratti gooftummaa qabu maqaa balleessan malee, yaada garaa isaanii hin geddaranne, Waaqayyoofis ulfina hin laanne*.[83]

10Ergamaan inni shanaffaan immoo waciitii isaa keessaa teessoo bineensichaa irratti gad in naqe; mootummaan bineensichaas dukkanaan in liqimfame; namoonnis dhiphina irraa kan ka'e arraba isaanii in cicciniinan*.

11Dhiphina isaanii fi madaa isaanii irraa kan ka'es, Waaqayyo gooftaa waaqaa maqaa balleessan malee, yaada garaa isaanii geddaratanii hojii isaanii irraa hin deebine.[84]

12Ergamaan inni ja'affaan immoo waciitii isaa keessaa Efraaxiis laga guddicha irratti gad in naqe; bishaanichi in goge, mootonni warra ba'a-biiftuu akka dhufaniifis karaan in banameef*.

13Yommus ani afaan bineensa isa akka jawwee sanaa keessaa, afaan bineensicha isa kaanii keessaa, afaan raajii sobduu keessaas hafuuronni xuraa'on sadii fattee fakkaatanii utuu ba'anii nan arge*.

14Isaan hafuurota Seexanaa warra milikkita garaa garaa argisiisanii dha; isaan kun mootota, guutummaa biyya lafaa lola guyyaa isa guddicha kan Waaqayyoo hundumaa danda'u sanaaf, walitti qabuudhaaf warra ba'anii dha*.[85]

15Sagaleen tokkos, ?Kunoo! Ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, namni dammaqu, namni qullaa isaa adeemee saalli isaa bakkeetti akka hin mul'annetti, uffata isaa eeggatu haa gammadu!? jedhe*.[86]

16Hafuuronni hamoonni sun mootota sana iddoo afaan Ibrootaatti ?Armaagedoon? jedhamutti walitti in qaban*.[87]

17Ergamaan inni torbaffaan immoo waciitii isaa keessaa qilleensa keessatti gad in naqe; sagaleen guddaan tokkos mana qulqullummaa keessaa, teessoo sana biraa ba'ee, ?Ta'eera!? jedhe.

18Balaqqeessi in balaqqeessa'e; sagaleen biraa, kakawweenis wal jalaa in qaban, laftis guddisee in socho'e; guddinni socho'a lafaa sunis erga namni lafa irratti uumamee, sanyiin isaa takkaa kan hin ta'inii dha*.

19Mandarri inni guddichi kutaa sadiitti gargar in cabe, mandaroonni saba biyya lafaa in jijjigan; Waaqayyo immoo Baabilon guddittiin xoofoo dheekkamsa isaa isa sodaachisaa keessaa akka dhugduuf isheedhaaf kennuu in yaadate*.

20Biyyi bishaan keessaa hundinuu baqatee in sokke; tulluunis hin argamne*.

21Cabbiin dhagaa gurguddaa, tokkon tokkon isaa akka kiilo giraamii jaatamaa ulfaatu waaqa keessaa namoota irra in bubbu'e; dha'ichi cabbii sunis baay'ee guddaa sodaachisaa waan ta'eef, isa irraa kan ka'e namoonni Waaqayyoon maqaa in balleessan*.[88]

cle>