MUL'ATA YOHANNIS 17:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddee ergamoota torban waciitii torba qaban sana keessaa inni tokko dhufee anatti dubbatee, ?Kottu! Firdii ejjituu ishee guddittii, mandara bishaanota baay'ee irratti ijaaramte sanaa, sitti nan argisiisaa*!

2Mootonni biyya lafaa kanaa ishee wajjin ejjaniiru, daadhii waynii halalummaa isheetiinis warri lafa irra jiraatan machaa'aniiru? jedhe*.

3Hafuuraanis ol na fuudhee gara lafa onaatti na geesse; achittis dubartii bineensa bildiimaa tokko irra teessu nan arge. Maqaan ulfinaa, Waaqayyoon arrabsuudhaaf kennaman isa irra guutanii turan; innis mataa torbaa fi gaanfa kudhan qaba ture*.

4Dubartittiin uffata dhiilgee, diimaa biluus uffattee, warqee, dhagaa fi callee gati-jabeeyyii naqattee, kubbayyaa warqee wanta ciiggaasisaadhaa fi xuraa'ummaa halalummaa isheetiin guute, harkatti qabattee turte*.

5Maqaan dhokataan, ?Baabilon guddittii, haadha ejjitootaa fi wanta ciiggaasisaa biyya lafaa? jedhu tokko immoo adda isheetti caafamee ture*.

6Akkasumas dubartittiin dhiiga warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitiin, dhiiga warra Yesusiif dhugaa ba'uu isaaniitiif ajjeefamaniitiinis machooftee nan arge; yeroon ishee arges guddisee nan dinqisiifadhe*.[89]

7Garuu ergamichi anaan, ?Maaliif dinqisiifatta? Dhoksaa dubartittii, kan bineensicha ishee baatuu, isa mataa torbaa fi gaanfa kudhan qabuu, sitti himuufan jira.

8Bineensi ati argite sun, takka jiraataa ture, amma immoo hin jiru; iddoo lafa jalaa keessaa ol ba'uuf jira, booddee immoo gara badiisaa in dhaqa. Sababii inni takka jiraataa turee, amma immoo hin jirreef, deebi'ee immoo argamuuf jiruuf, warri biyya lafaa irra jiraatan, warri uumamuu biyya lafaatii jalqabee maqaan isaanii macaafa warra jireenya argachuuf jiranii keessatti hin caafamin, bineensicha arganii raajeffachuuf jiru*.[90]

9?Kun sammuu ogummaa qabu in barbaada; mataan torban tulloota torban dubartittiin irra teessuu dha; akkasumas mataan torban mootota torba*.

10Isaan keessaa shan kufaniiru, tokko jira, inni tokko immoo amma illee hin kaane; yommuu ka'u immoo yeroo gabaabduu duwwaadhaaf turuun isa irra jira.

11Bineensichi inni takka jiraataa ture amma hin jirre immoo, saddeetaffaa dha; garuu warruma torban sana keessa ture, inni gara badiisaa in dhaqa.

12Gaanfonni kurnan ati argite immoo, mootota kudhan warra kanaan dura mootummaa hin fudhatinii dha; garuu isaan bineensichaa wajjin sa'aatii tokkittiidhaaf akka moototaatti aboo fudhachuudhaaf jedhu*.

13Isaan kun yaada tokkicha qabu, humna isaanii fi aboo isaanii dabarsanii bineensichatti in kennu.

14Isaan hoolichatti lola in kaasu; hoolichi garuu gooftaa gooftotaa, mootii moototaas waan ta'eef, isaan in mo'a; warri isaa wajjin jiranis warra waamaman, warra fo'aman, warra amanamanii dhas? jedhe*.[91]

15Itti dabalees ergamichi anaan, ?Bishaanonni ati iddoo isheen ejjituun teessutti argite immoo, nama baay'ee dha, tuuta baay'ee dha, saba baay'ee dha afaan baay'ee dhas*.

16Gaanfonni kurnan ati argite, bineensichis ishee ejjituu sana jibbuuf jiru; isaan onsanii qullaatti ishee in hambisu; isaan foon ishee in nyaatu, ibiddaanis ishee in gubu*.

17Isaan hamma dubbiin Waaqayyoo raawwatamutti warra yaada tokko ta'uudhaan, mootummaa isaanii dabarsanii bineensichatti kennuudhaanis, akeeka Waaqayyoo hojii irra akka oolchaniif, inni kana garaa isaanii keessa kaa'eera.

18Dubartittiin ati argite immoo, mandara guddittii ishee mootota lafaa irratti mootummaa qabduu dha? jedhe.[92]

cle>