MUL'ATA YOHANNIS 18:1-24 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddees ergamaan biraa tokko aboo guddaa fudhatee, waaqa keessaa utuu gad bu'uu nan arge; ulfina isaa irraa kan ka'es biyyi lafaa in ife*.

2Inni sagalee cimaadhaan iyyee, ?Kufteetti, Baabilon guddittiin kufteetti, iddoo buufata hafuurota hamootaa taateetti; lafa hafuurri xuraa'aan itti deddeebi'u, lafa allaattiin xuraa'onii fi jibbamoon itti deddeebi'an taateetti*!

3Sabni hundinuu daadhii waynii dheekkamsaa isa halalummaa ishee irraa dhufu dhuganiiru, mootonni biyya lafaa ishee wajjin ejjaniiru; naggaadonni lafa irraas badhaadhummaa ishee isa keessa-ba'aadhaan sooromaniiru? jedhe*.

4Ergasiis sagalee biraa tokko waaqa keessaa nan dhaga'e; innis, ?Yaa saba ko! Cubbuu ishee keessaa akka hin qabaannetti, dha'icha ishee irraas akka hin hirmaannetti, kottaa, ishee keessaa ba'aa*!

5Cubbuun ishee hamma bantii waaqaatti ol tuulameera, Waaqayyoos jal'ina ishee hundumaa yaadateera*;

6waan isheen nama irratti fidde, ishee irratti deebisaa, wanta isheen gooteefis, dachaa lama godhaa dugda baasaaf! Xoofoo isheen itti namaaf bulbultetti, harka lama kan hammaatu bulbulaaf*!

7Akkuma isheen ulfina ofiif laatte, qannoo keessa-ba'aattis jiraatte, safaruma isaatiin dhiphinaa fi gadda kennaaf! Isheen garaa isheetti, ?Ani mootuun addana nan taa'a, ani haadha hiyyeessaa miti, gaddas matumaa hin argu? ofiin jetteetti*.

8Waaqayyo gooftaan inni isheetti faradu aango-qabeessa waan ta'eef, dha'ichi garaa garaa, dhukkubni adeemaan, gaddi, beelli, guyyaa tokkichatti isheetti dhufuuf jiru, ibiddaanis gubamuuf jirti!? jedhe*.[93]

9Mootonni biyya lafaa warri ishee wajjin ejjanii, qannoo keessa-ba'aatti jiraatan, aara gubachuu ishee yommuu argan, isheedhaaf boo'anii wawwaachuuf jiru*.

10Dhiphina ishee sodaataniis irraa fagaatanii dhaabatanii,

10?Yaa Baabilon ati mandara guddittii! Wayyoo kaa, yaa mandara humna-qabeettii, firdiin kee sa'aatii tokko keessatti dhufe'o, wayyoo kaa!? in jedhu.[94]

11Naggaadonni biyya lafaas, si'achi mi'a isaanii namni irraa bitu waan hin jirreef, isheedhaaf in boo'u in gadduufis*.

12Mi'a warqee, meettii, dhagaa gati-jabeessaa, callee, uffata quncee talbaa qullaa'aa irraa hojjetame, uffata bifa dhiilgee, haarrii, uffata bildiimaa, muka urgaa'u hundumaa, mi'a ilka irraa hojjetame, mi'a muka baay'ee gati-jabeessa irraa hojjetame, mi'a sibiila diimaa, kan sibiilaa, kan dhagaa miidhagaa, gati-qabeessaas*,

13qarafaa, urgooftuu dibataa, ixaana, qumbii, haphee, daadhii waynii, dhadhaa ejersaa, daakuu bullaa'aa, qamadii, sa'a, hoolaa, farda, konkolaataa fardaan harkifamu, garba, lubbuu namaa iyyuu isaan irraa kan bitu hin jiru.[95]

14Isaan yommus, ?Wanti lubbuun kee ija isaa argachuudhaaf hawwee ture si harkaa ba'eera, simboon kee fi cululuqni kee hundinuu si harkaa badaniiru, deebi'aniis matumaa hin argaman!? ittiin jedhu.

15Naggaadonni mi'a kana bitanii gurguran, warri ishee irraa sooruma argatanii turanis, dhiphina ishee sodaachuu irraa kan ka'e irraa fagaatanii dhaabatanii in boo'u in gadduuf*.

16Boo'icha keessas, ?Mandara guddittii, ishee uffata quncee talbaa qullaa'aa, uffata dhiilgee fi bildiimaa uffachaa turteef, ishee warqeedhaa fi dhagaa gati-jabeessa, callees naqachaa turteef wayyoo! Wayyoo*!

17Sa'aatii tokko keessatti badhaadhummaan kun hundinuu waan bade ta'eera!? in jedhu.

17Warri markaba irratti ajajan, warri markabaan adeeman, warri markaba keessaa hojjetan, warri hojii galaana irratti hojjetamuun jiraatan hundinuus ishee irraa fagaatanii in dhaabatan*.

18Aara gubachuu ishee yeroo argan iyyanii, ?Mandara kamtu akka mandara guddittii kanaa ture?? jedhan*.

19Biyyoo mataa isaanii irratti firfirsanii, in boo'an, in gaddanis; iyyanii,

19?Mandara guddittii, ishee warri markaba galaana irraa qaban hundinuu badhaadhummaa isheetiin sooromaniif, wayyoo! Wayyoo! Sa'aatii tokko keessatti kan badde taateetti!? in jedhu turan*.

20Sagaleen tokko immoo, ?Yaa bantii waaqaa, kana irratti gammadi! Isin warri Waaqayyoof qulqullooftan, ergamoonni isaa warri lafa irraa, raajonnis, Waaqayyo isheetti isiniif waan faradeef gammadaa!? jedhe*.[96]

21Kana booddee ergamaan aango-qabeessi tokko dhagaa akka dhagaa daakuu guddaa tokko fuudhee galaana keessatti darbatee, ?Baabilon mandarri guddittiin akkas furguggifamtee, gad in darbatamti, deebitees hin argamtu*!

22?Sagaleen warra kiraara rukutuu, kan wallees, kan warra ulullee fi fiinoo afuufaniis, deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu; namoonni waan garaa garaa miidhagsanii hojjechuutti beekaman, deebi'anii si keessatti hin argaman; sagaleen dhagaa daakuus, deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu*;

23ifni ibsaa, deebi'ee si keessatti hin ifu; sagaleen dhirsa misirroo fi kan misirroo, deebi'ee si keessatti hin dhaga'amu; dur illee naggaadonni kee namoota gurguddoota biyya lafaa turan, sabni hundinuu qoricha namatti gochuu keetiin gowwoomfamanii turan*.?

24Amma immoo, dhiigni raajotaa fi kan warra Waaqayyoof qulqullaa'anii, kan warra lafa irratti qalamanii hundinuu, ishee keessatti argamuu isaatiif, kun ittiin jedhame? jedhe*.[97]

cle>