MUL'ATA YOHANNIS 22:1-21 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddees ergamichi laga bishaan jireenya namaaf kennu, isa bishaan isaa akka cabbii addaatu teessoo Waaqayyootii fi hoolichaa biraa ba'u anatti argisiise*.

2Bishaanichi karaa mandarichaa walakkaa in yaa'a; lagicha gamaa gamanas muka jireenya namaaf kennu tokkotu dhaabata; mukti kun waggaatti si'a kudha lama ija waan godhatuuf, ji'a ji'aan iji irraa in argama; baalli mukichaas saba biyya lafaa fayyisuudhaaf in ta'a*.

3Wanti abaaramaan mandarattii keessatti hin argamu; teessoon Waaqayyoof hoolichaa ishee keessa jira, hojjetoonni isaas isaaf in hojjetu*.

4Isaan fuula isaa arguuf jiru, maqaan isaas adda isaanii irratti argamuuf jira*.

5Halkanis deebi'ee hin argamu; Waaqayyo gooftaan ifa isaanii ta'uuf waan jiruuf, ifni ibsaa, ifni aduus isaaniif hin barbaachisu. Isaan baraa hamma bara baraatti mo'uuf jiru*.[115]

6Yeroo sanatti ergamichi, ?Dubbiin kun hundinuu amanamaa dha, dhugaa dhas; Waaqayyo gooftaan inni hafuurota raajonni ittiin dubbatan abboomu, wanta dafee ta'uun irra jiru hojjetoota isaatti argisiisuudhaaf ergamaa isaa erge? naan jedhe*.[116]

7Inni dhufu sun, ?Kunoo ani dafee nan dhufa, namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame kana eegu, attam haa gammadu!? jedhe*.[117]

8Ani Yohannis kana hundumaa dhaga'eera, argeeras; kana dhaga'ee, argees erga ani raawwadhee, ergamaa isa kana hundumaa anatti argisiiseef sagaduudhaaf miilla isaatti nan kufe*.

9Inni garuu, ?Kana gochuun siif hin ta'u! Ani sii fi obboloota kee warra raajotaaf, warra dubbii macaafa kanaa eeganiifis hidhata hojii ti, Waaqayyoof sagadi!? naan jedhe.

10Itti dabalees, ?Barri kun itti raawwatamu waan dhi'aateef, dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame mallattoodhaan hin cufin*!

11Inni waan jal'aa hojjetu, jal'aadhuma isaa haa hojjetu; inni xuraa'aan, ittumaa of haa xureessu; inni waan qajeelaa hojjetu, qajeelaadhuma isaa haa hojjetu; inni Waaqayyoof qulqullaa'e, isumaaf haa qulqullaa'u!? jedhee anatti hime*.[118]

12Inni dhufu sun, ?Kunoo ani dafee nan dhufa, gatii isa ani adduma addaan akka hojii isaatiitti namaaf kennus fidee nan dhufa*.

13Ani Alfaa dha Omeegaa dha, isa duraa ti isa booddee ti, isa jalqabaa ti isa dhumaa tis? jedhe*.[119]

14Warri uffata isaanii miiccatan haa gammadan! Isaan muka jireenya namaaf kennu bira ga'uudhaaf aboo qabu; karra sanaanis mandarichatti ol in galu*.

15Garuu warri akka saree [waan hundumaa xureessan], warri qoricha namatti godhan, warri halaleen, warri gumaa, warri waaqayyolii tolfaman waaqessan, warri wanta sobaa jaallatan warri hojjetanis hundinuu alatti in hafu*.[120]

16Inni dhufu sun, ?Wanti kun hundinuu waldoota kristiiyaanaa akka ga'uuf, ani Yesus ergamaa koo ergee isiniif dhugaa baasiseera; ani hidda Daawit, sanyii isaa tis, ani bakkalcha barii isa calaqqisaa dha? in jedha*.[121]

17Hafuurichii fi misirrottiin, ?Kottu? in jedhuun; namni kana dhaga'us, ?Kottu? haa jedhu! Namni dheebote haa dhufu, namni bishaan barbaadus utuu gatii hin baasin bishaan jireenya kennu haa fudhatu*![122]

18Ani kana kanan caafe, nama dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame dhaga'u, of eeggachiisuudhaa fi dhugaa itti ba'uuf nan jedha. Namni dubbii kanatti yoo waa dabale, Waaqayyo adaba isaa irratti dha'icha waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman isatti dabaluuf jira*.

19Namni dubbii macaafa kana keessatti raajii dubbatame irraa yoo waa hir'ise immoo, Waaqayyo muka jireenya kennuu fi, mandarattii qulqulluu waa'een isaanii macaafa kana keessatti caafaman keessaa qooda isaa hir'isuuf jira.[123]

20Inni wanta kana hundumaa dhugaa baasises, ?Haa ta'u! Ani dafee nan dhufa? in jedha. Ameen! Kottu, gooftaa Yesus*!

21Ayyaanni gooftaa Yesus hundumaa wajjin haa ta'u*![124]

cle>