1?Gara ergamaa waldaa Saardesitti, ?Ergaan kun isa hafuurota Waaqayyoof hojjetan torba, urjoota torbas qabu biraa dhufe? jedhii caafi!*?
2Ka'i, dammaqaas ta'i! Wanta hafee du'uuf jedhus jabeessi! Ani fuula Waaqayyo koo duratti hojiin kee fiixaan ba'uu isaa hin argine*.
3Ammas wanta sitti dabarfame akka itti fudhattee fi akka itti dhageesse yaadadhuu, eegi! Yaada garaa kees geddaradhu! Yoo dammaqaa ta'uu dhabaatte garuu, ani akka hattuun dhuftutti nan dhufa, yeroo ani sitti dhufus matumaa hin beektu*!
4Haa ta'u iyyuu malee, Saardes keessaa namoota muraasa warra uffata isaanii hin xureessine jedhamanii maqaa argatan qabda. Warri kun uffata adii uffatanii anaa wajjin deddeebi'uuf jiru; isaan kanaaf warra malanii dha*.
5Nama mo'utti akkasuma uffata adiitu uffifama; ani maqaa isaa macaafa jireenyaa, isa warri jireenya argachuuf jiran keessatti caafaman keessaa hin balleessu; abbaa koo duratti, ergamoota isaa durattis maqaa isaa waamee kan koo ta'uu isaa nan beeksisa*.
6?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!? kan jedhuu dha.
7?Gara ergamaa waldaa Filaadelfiyaatti, ?Ergaan kun isa qulqulluu, isa dhugaa, isa banaa Daawit of harkaa qabu, isa wanta inni banu namni tokko illee cufuu hin dandeenye, wanta inni cufus namni tokko illee banuu hin dandeenye sana biraa dhufe? jedhii caafi*!?
8Ergichi, ?Ani hojii kee beeka; ati humna xinnoo qabda, garuu dubbii koo eegdeetta, maqaa koos hin ganne. Kunoo! Ani balbala banamaa fuula kee dura jiru, isa namni tokko illee cufuu hin dandeenye siif kenneera*.
9Kunoo! Warra walga'ii Seexanaa keessaa Yihudoota utuu hin ta'in sobanii Yihudoota ofiin jedhan sitti nan kenna. Kunoo! Isaan kun dhufanii miilla keetti akka kufan, si jaallachuu koos akka beekan nan godha*.
10Ati dubbii koo isa obsaan danda'uu si irraa barbaadu waan eegdeef, anis immoo yeroo qoramsi guutummaa biyya lafaa irratti namoota lafa irra jiraatan hundumaa qoruudhaaf dhufutti isa jalaa akka baatuuf sin eega.
11Ani dafee nan dhufa; namni tokko illee gonfoo mo'ichaa isa kan keetii si duraa akka hin fudhannetti, isa qabdu jabeessii eeggadhu*!
12Isa mo'u sana mana qulqullummaa Waaqayyo koo keessatti utubaa nan godha; isa keessaas matumaa hin baafamu. Maqaa Waaqayyo kootii, maqaa mandara Waaqayyo kootii, Yerusaalem ishee haaraa ishee Waaqayyo koo biraa waaqa keessaa gad buutu, maqaa koo isa haaraas utubaa kana irratti nan caafa*.
13?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!? kan jedhuu dha.
14?Gara ergamaa waldaa Laa'odiiqeyaatti, ?Ergaa kana isa karaa isaa wanti hundinuu ?Ameen? jedhamu, dhuga-baatuu isa amanamaa, isa dhugaadhaaf dhugaa ba'u, isa wanti Waaqayyo uume hundinuu biraa ka'e sanatu erge? jedhii caafi!*?
15Ergichi, ?Ani hojii kee beeka; hojii kee keessatti ati buluqaa yookiis diilallaa'aa miti; ati buluqaa yookiis diilallaa'aa utuu taatee in wayya ture!
16Ati garuu buwaa'aa dha; diilallaa'aa yookiis buluqaa waan ati hin ta'iniif, akka nama bishaan buwaa'aa afaan isaa keessaa tufutti, anis si tufuufan jira.
17?Atis, ?Ani sooressa; geessifadheera, wanti ana barbaachisus hin jiru? in jetta; ati nama gadadamaa namni boo'uufiin ta'u, deegaa, jaamaa, qullaas ta'uu kee hin beektu*.
18Ani immoo akka sooromtuuf warqee qulqulluu ibiddaan ilaalame, qullaa taatee yeella'uun kee akka hin mul'annetti, uffata adii, arguu akka dandeessuttis qoricha ijatti naqattu ana irraa akka bitattu sin gorsa*.
19Warran jaalladhu hundumaa balleessaa isaanii ittan mul'isa, barsiisuudhaafis nan adaba; ammas dhimmiitii yaada garaa kee geddaradhu*!
20Kunoo! Ani balbala dura dhaabadhee balbala nan rukuta; namni sagalee koo dhaga'ee balbala yoo anaaf bane, ani ol nan lixa, isaa wajjinis maaddiitti nan dhi'aadha, innis anaa wajjin in nyaata*.
21Ani ofii kootii mo'ee abbaa koo wajjin teessoo isaa irra akkuman taa'e, inni mo'u anaa wajjin teessoo koo irra akka taa'uuf aboo nan kennaaf*.
22?Namni gurra qabu, isa hafuurri qulqulluun waldoota kristiiyaanaatiin jedhu haa dhaga'u!? kan jedhuu dha.