MUL'ATA YOHANNIS 4:1-11 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddees ani ilaaleen, waaqa keessatti balbala banamaa tokko arge. Sagaleen inni dura akka malakataatti anatti dubbannaan dhaga'ee ture tokko, ?As ol kottu, ani immoo wanta kana booddee ta'uun irra jiru sittan argisiisaa!? jedhe*.

2Achumaanis ani hafuuraan nan guutame; kunoo, teessoon tokko waaqa keessa kaa'amee, tokkos teessoo sana irra taa'ee ture*.

3Inni teessoo sana irra taa'es akka dhagoota Yaasphisii fi Saardiyon warra gati-jabeeyyii, calaqqisee in mul'ata ture; naannoo teessichaas sabbata Waaqayyoo isa dhagaa gati-jabeessa Simaaragidos jedhamu fakkaatutu ture*.

4Teessichatti naanna'anii teessoowwan digdamii afur, isaan irras maanguddoonni digdamii afur taa'anii turan; maanguddoonni kun immoo uffata adaadii uffatanii, mataattis gonfoowwan warqee kaa'atanii turan*.

5Teessicha biraa immoo balaqqeessi bakakkaa, sagaleen kakawwee, sagaleen biraas in ba'u turan; teessicha fuula duratti gucci ibiddaa torba in boba'u turan; isaan kun hafuurota Waaqayyoof hojjetan torbanii dha*.

6Akkasumas fuula teessichaa dura wanti tokko afamee ture; wanti afame sun immoo akka galaana isa of-ilaalee fakkaatee keessaan waa argamuu, akka cabbiis qullaa'aa ture.[25]

6Naannoo teessichaa bukkee garasii fi garanaa uumamni lubbuu qaban afur turan; isaan fuula duraa fi dugda duubaan ija baay'ee qabu turan*.

7Uumamni lubbuu qabu sun inni duraa leenca in fakkaata ture. Uumamni lubbuu qabu inni lammaffaan tuntunoo in fakkaata ture; uumamni lubbuu qabu inni sadaffaan fuula namaa kan fakkaatu qaba ture; uumamni lubbuu qabu inni afuraffaan joobira balali'u in fakkaata ture*.

8Tokkon tokkon uumama lubbuu qaban arfan kanaa immoo, baallee ja'a ja'a qaba; iji isaas keessaa fi duubaan naanna'ee wal in ga'a. Halkanii fi guyyaas utuu aara hin galfatin,

8?Waaqayyo gooftichi inni hundumaa danda'u, inni ture, inni amma jiru, inni dhufuuf jirus, qulqulluu dha, qulqulluu dha, qulqulluu dha!? jedhanii in faarfatu*.[26]

9Uumamni lubbuu qaban kun isa teessoo irra taa'e, isa bara baraan jiraatu sanaaf guddina, ulfina, galatas in dhi'eessu*.

10Yeroo kanattis maanguddoonni digdamii arfan, isa teessoo irra taa'e, isa bara baraan jiraatu sanaaf gombifamanii in sagadu; gonfoowwan isaaniis teessicha duratti gatanii in faarfatu*.

11Yommus,

11?Ati waan hundumaa waan uumteef, isaanis jaalala keetiin waan uumamaniif, waan jiraataniif, gooftaa keenyaa! Waaqayyo keenyaa! Guddina, ulfina, aangoos fudhachuun siif in ta'a? in jedhu*.[27]

le>