1Yommus ani mirga isa teessoo irra taa'e sanaatti macaafa maramee taa'u tokko nan arge; macaafichis keessaa fi duubaan caafamee, erga cufamee immoo mallattoo torbaan mallateeffamee ture*.
2Ergamaa aango-qabeessa sagalee isaa dhageessisee, ?Mallattoo macaafichi ittiin cufame irraa kute macaaficha banuudhaaf kan male eenyu?? jedhee labsu tokkos nan arge.
3Waaqa keessaa, lafa irraa, lafa jalaas tokko illee macaaficha banee keessa isaa ilaaluu hin dandeenye.
4Tokko illee macaaficha banee, keessa isaa ilaaluuf kan male waan hin argaminiif, baay'isee nan boo'e.
5Maanguddoota keessaa inni tokko immoo, ?Hin boo'in! Kunoo, leencichi gosa Yihudaa, hidda Daawit keessaa ka'ee mo'eera, inni mallattoo sana torban kutee macaaficha banuu in danda'a? naan jedhe*.
6Teessicha duras uumama lubbuu qaban arfanii fi maanguddoota gidduu hoolaa waan qalame fakkaatee dhaabatu tokko nan arge. Hoolichi gaanfa torbaa fi ija torba qaba ture; isaan torban kun hafuurota Waaqayyoof hojjechuudhaaf guutummaa biyya lafaatti ergamanii dha*.
7Hoolichi yeroo sanatti dhaqee harka mirgaa isa teessoo irra taa'ee jiru keessaa macaaficha fudhate.
8Yommuu inni macaaficha fudhates uumamni lubbuu qaban arfan, maanguddoonni digdamii arfanis hoolicha duratti in gombifaman. Adda addaan kiraaraa fi qodaa ixaana itti aarsan, isa warqee irraa hojjetame of harkaa qabu; ixaanni qodicha keessa guutee ture; innis kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii ti*.
9Isaan faarfannaa haaraa yommuu faarfatan,
10
11Kana booddee ani ergamoota baay'ee teessichatti, uumama lubbuu qaban sanatti, maanguddoota sanattis naanna'an nan arge; lakkoobsi isaaniis kumaatama, kuma kumaatamaas ture; sagalee isaaniis nan dhaga'e*.
12Isaan sagalee guddaadhaan, ?Hoolichi inni qalame aangoo, badhaadhummaa, ogummaa, humna, ulfina, guddina, hooqubaa fudhachuuf kan malee dha? jedhan*.
13Wanti waaqa irratti, lafa irratti, lafa jalatti, galaana keessatti uumamee, isaan keessa jirus hundinuu,
14Uumamni lubbuu qaban arfanis, ?Ameen!? jedhan; maanguddoonnis gombifamanii sagadan*.