MUL'ATA YOHANNIS 7:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Kana booddees ergamoonni afur golee lafaa arfan irra dhaabatanii, qilleensi lafatti, galaanatti, mukattis akka hin qilleensofnetti qilleensota golee arfanii ittisuu isaanii nan arge*.

2Ergamaan tokko immoo Waaqayyo isa jiraataa biraa mallattoo fudhatee karaa boruu utuu ba'uu nan arge. Ergamichis ergamoota arfan warra lafaa fi galaana miidhuun isaaniif kenname sana sagalee guddaadhaan waamee,

3?Hamma nuyi adda hojjetoota Waaqayyo keenyaatti mallattoo goonutti lafa, galaana, mukas hin miidhinaa!? isaaniin jedhe*.[37]

4Lakkoobsa warra mallateeffamaniis nan dhaga'e; gosa ijoollee Israa'el hundumaa keessaa kumaatama dhibbaa fi kuma afurtamii afurtu mallateeffame*.

5Gosa Yihudaa keessaa kuma kudha lamatu mallateeffame; gosa Ruuben keessaa kumni kudha lama, gosa Gaadi keessaa kumni kudha lama*,

6gosa Aseer keessaa kumni kudha lama, gosa Niftaalem keessaa kumni kudha lama, gosa Minaasee keessaa kumni kudha lama,

7gosa Shimi'oon keessaa kumni kudha lama, gosa Lewwii keessaa kumni kudha lama, gosa Yisaakor keessaa kumni kudha lama,

8gosa Zebuloon keessaa kumni kudha lama, gosa Yoseef keessaa kumni kudha lama, gosa Benyaamiin keessaa kumni kudha lama in mallateeffaman.[38]

9Kana booddees ilaaleen tuuta sonaan baay'ee, saba hundumaa keessaa, gosa hundumaa keessaa, nama hundumaa keessaa, afaan dubbatamu hundumaa keessaa dhufan, warra homtinuu lakkaa'uu hin dandeenye nan arge; isaan uffata adii uffatanii, damee muka meexxii harka isaaniitti qabatanii teessicha dura hoolicha duras in dhaabatu turan*.

10Jarri kunis sagalee guddaadhaan, ?Fayyinni Waaqayyo keenya isa teessicha irra taa'u biraa, hoolicha biraas in argama!? jedhan*.

11Ergamoonni teessicha, maanguddoota, uumama lubbuu qaban arfanis naanna'anii dhaabatan hundinuu teessicha duratti adda isaaniitiin gombifamanii Waaqayyoof in sagadan*.

12Sagada isaanii keessattis, ?Ameen! Waaqayyo keenyaaf hooqubaan, guddinni, ogummaan, galanni, ulfinni, humni, aangoonis baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen!? jedhan*.[39]

13Ergasii maanguddoota keessaa inni tokko, ?Warri uffata adii uffatan kun eenyufa'i, eessaa dhufanis?? jedhee na gaafate.

14Ani immoo, ?Gooftaa ko, situ beeka!? jedheen deebiseef. Inni immoo, ?Isaan kun warra rakkina guddaa keessaa ba'anii dhufanii dha; uffata isaanii dhiiga hoolichaatiin miiccatanii addeeffataniiru*.

15Kanaaf isaan teessoo Waaqayyoo duratti argamanii, halkanii fi guyyaa mana qulqullummaa isaa keessatti isaaf in hojjetu; inni teessoo irra taa'us godoo isaa diriirsee isaan irra in jiraata*.

16Egaa deebi'anii hin beela'an, hin dheebotanis; aduun, wanti gubus isaanitti hin bu'u*.

17Hoolichi teessicha dura gara gidduu jiruus isaan in tiksa, gara burqaa bishaan jireenya kennuuttis isaan in geessa; Waaqayyoos imimmaan hundumaa ija isaaniittii in haqa? anaan jedhe*.[40]

le>