1Yeroo hoolichi mallattoo isa torbaffaa banetti immoo, bantii waaqaa keessatti akka walakkaa sa'aatiif gabiitu ture*.
2Kana booddee ergamoota torba warra fuula Waaqayyoo dura dhaabatan nan arge; isaaniifis malakanni torba in kennamaniif*.
3Ergamaan Waaqayyoo kan biraa tokkos, qodaa ixaana itti aarsan isa warqee irraa hojjetame baatee dhufee, iddoo aarsaa dhaabate; iddoo aarsaa warqee irraa hojjetame isa teessicha fuula duraa sana irratti, kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii hundumaa wajjin akka inni dhi'eessuuf, ixaanni baay'een ergamichatti in kenname*.
4Aarri ixaanichaas kadhata warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin, harka ergamaa sanaa keessaa gara fuula Waaqayyootti ol ka'e*.
5Yommus ergamichi qodaa ixaana itti aarsan sana fuudhee, iddoo aarsaa sanaas ibidda itti guutee, lafatti gad darbate; achumaanis sagaleen kakawwee, sagaleen biraas wal jalaa in qabu, bakakkaan in balaqqeessa'a, laftis in socho'a ture*.
6Ergamoonni torban malakanni torba kennamaniifis malakata isaanii afuufuudhaaf in qophaa'an.
7Ergamaan inni duraa malakata isaa afuufe. Cabbiin, ibiddi dhiigaan makames argamee lafa irratti gad daddarbatame; laftis harka sadii keessaa harki tokko in gubate; mukeetiin harka sadii keessaa harki tokko in gubatan; margi lalisaan hundinuus in gubate*.
8Kana booddee ergamaan inni lammaffaan malakata isaa afuufe. Wanti akka tulluu guddaa ibiddaan gubatu tokkos galaana keessatti in darbatame; galaanichis harka sadii keessaa harki tokko dhiiga ta'e*.
9Uumamni lubbuu qaban galaanicha keessa jiraatanis harka sadii keessaa harki tokko in du'an; markaboonnis harka sadii keessaa harki tokko in balleeffaman.
10Ergamaan inni sadaffaan immoo malakata isaa afuufe. Urjiin guddaan akka gucaa boba'u tokkos waaqa keessaa lafa dha'e; inni immoo lagoota, burqituuwwan bishaanii harka sadii keessaa harka tokko irratti kufe*.
11Maqaan urjii sanaas ?Hadheesso? in jedhama; bishaanonnis harka sadii keessaa harki tokko hadhaa'ootti in geddaraman; sababii bishaan hadhaa'aa ta'eefis, namoonni baay'een bishaanichaan in du'an*.
12Ergamaan inni afuraffaanis malakata isaa afuufe. Biiftuun harka sadii keessaa harki tokko, ji'is harka sadii keessaa harki tokko, urjoonnis harka sadii keessaa harki tokko, ifni isaanii harka sadii keessaa harki tokko akka dukkaneeffamutti in dha'aman; akkasitti ifni guyyaa harka sadii keessaa harki tokko, ifni halkaniis akkasuma harka sadii keessaa harki tokko hin ibsine*.
13Kana booddees joobira bantii waaqaa walakkaa balali'u tokkon arge; innis sagalee guddaa isaatiin iyyee, ?Sagaleen malakata warra kaanii, inni ergamoonni sadan dhageessisuuf jedhan dhaga'amuuf waan jiruuf, warra lafa irra jiraataniif wayyoo, wayyoo, wayyoo!? jechuu isaa nan dhaga'e*.