1Ergamaan inni shanaffaan malakata isaa in afuufe. Yommus ani urjii isa waaqa keessaa lafa dha'e tokko nan arge; urjichaafis banaan boolla lafa jalaa isa gad fagoo in kennameef*.
2Urjichi afaan boolla lafa jalaa isa gad fagoo sana bane; aarri akka aara iddoo ibidda guddaatii ka'uus boollicha keessaa in ba'e; iji biiftuu, laftis aara boollichaa irraa kan ka'e in dukkanaa'an*.
3Aaricha keessaa immoo hawaannisatu lafatti ba'e; hawaannisa kanaafis aboon in kennameef; aboon isaaniif kennameef humni torbaanqabaan lafa irraa qabu wal in fakkaata*.
4Isaan marga lafaa, biqiltuu, mukas utuu hin ta'in, namoota warra mallattoo Waaqayyoo addattii hin qabne duwwaa akka miidhaniif abboomaman*.
5Garuu namoota ajjeesuu utuu hin ta'in, ji'a shaniif dhiphisuutu isaaniif kenname; dhiphinni isaan nama irraan ga'anis, akka isa torbaanqabaan hiddee nama dhiphisuu ti.
6Bara sanatti namoonni du'a in barbaadu, garuu hin argatan; du'uus in hawwu, du'i immoo isaan irraa in baqata*.
7Bifni hawaannisoota sanaa fardeen duulaaf qopheeffaman in fakkaata; wanta akka gonfoo warqee mataa irraa qabu turan. Fuulli isaanii fuula namaa in fakkaata*;
8rifeensi isaanii akka rifeensa mataa dubartii ti; ilkaan isaaniis akka ilkaan leencaa ti*.
9Waan akka maddaa sibiilaa diratanii turan; huursaan baallee isaaniis akka huursaa konkolaattota fardeeniin harkifamanii duulatti didichanii ti*.
10Eegee fi ilkee warra kan torbaanqabaa fakkaatan qabu turan; aboon isaan ittiin ji'a shaniif nama miidhan immoo eegee isaanii keessa jira*.
11Isaan mootii of irraa qabu turan, inni immoo ergamaa iddoo lafa jalaa sanaa ti; maqaan ergamichaa afaan Yihudootaatti ?Abadoon?, afaan Griikiitti immoo ?Apholiyon? jedhama; innis ?Balleesso? jechuu dha.
12Wayyoon inni duraa darbeera. Kunoo! Kana booddee wayyoon lama amma iyyuu jiru*.
13Ergamaan inni ja'affaan malakata isaa afuufe. Yommus ani sagalee gaanfa arfan biraa ba'u nan dhaga'e; gaanfonni sunis iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqayyoo dura jiru irra turan*.
14Sagalichi, ergamaa isa ja'affaa malakata baatu sanaan, ?Ergamoota arfan laga Efraaxiis isa guddichatti hidhaman hiiki!? jedhe*.
15Ergamoonni arfan sun in hiikaman; isaan warra namoota harka sadii keessaa harka tokko ajjeesuudhaaf sa'aatii kanaaf, guyyaa kanaaf, ji'a kanaaf, waggaa kanaaf qopheeffamanii turanii dha*.
16Lakkoobsa loltoota abboota fardeeniis nan dhaga'e; lakkoobsi isaaniis millionii dhibba lama ture.
17Yommus ani fardeen sanaa fi warra fardeen sana irra taa'an mul'atatti nan arge. Isaan maddaa sibiilaa isa diimaa, bifa bantii waaqaa, bifa dhangaggoos qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa in fakkaata ture; afaan isaanii keessaa immoo ibiddi, aarri, dhagaan boba'us in ba'u turan.
18Ibidda, aara, dhagaa boba'u, dha'icha sadan afaan fardeenii keessaa ba'an sanaan, namoota harka sadii keessaa harka tokkotu ajjeeffame.
19Aboon fardeen sanaas afaan isaanii keessa, eegee isaanii keessas jira; eegeen isaanii inni bofa fakkaatu mataa qaba; isaaniin namoota in miidhu*.
20Namoonni dha'icha sanaan utuu hin ajjeefamin hafan immoo, yaada garaa isaanii geddaratanii waaqayyolii harka isaaniitiin tolfatan irraa hin deebine; hafuura hamaadhaa fi waaqayyolii warqee irraa, meettii irraa, sibiila diimaa irraa, dhagaa irraa, muka irraas tolfamanii arguu, dhaga'uu, asii fi achi deddeebi'uus hin dandeenyeef gombifamanii sagaduu hin dhiifne*.
21Isaan yaada garaa isaanii geddaratanii lubbuu ajjeesuu irraa, qoricha namatti gochuu irraa, halalummaa isaanii irraa, hanna isaanii irraas hin deebine.