1Abiimelek erga du'ee booddee Israa'elin rakkina keessaa oolchuudhaaf tolaa ilma Phuwaa Dodootu ka'e; inni nama sanyii Yisaakor, biyya gaaraa isa kan Efreem keessaa iddoo ?Shaamiir? jedhamu jiraata ture*.
2Tolaan waggaa digdamii sadiif Israa'elin in geggeesse; kana booddee du'ee Shaamiiritti in awwaalame.
3Tolaan erga du'ee booddee, Yaa'iir namni sanyii Giil'aad ka'ee Israa'elin waggaa digdamii lamaaf in geggeesse*.
4Yaa'iir ilmaan soddoma qaba ture; isaan immoo harroota soddoma yaabbatanii kan adeemanii dha; Giil'aad keessaa mandaroota soddoma warra hamma har'aatti iyyuu ?Mandaroota Yaa'iir? jedhamanii waamaman qabu turan*.
5Yaa'iiris du'ee iddoo ?Qaamon? jedhamu tokkotti in awwaalame.
6Israa'eloonni ammas Waaqayyoon dhiisanii Ba'aalii fi Ashtaarotiif akkasumas waaqayyolii Aaramiif, waaqayyolii Sidoonii fi Mo'aabiif, waaqayyolii Amoonotaa fi kan Filisxeemotaaf sagaduu isaaniitiin Waaqayyo duratti waan hamaa hojjetan; isaaf garuu hin hojjenne.
7Kanaaf Waaqayyo dheekkamsa isaa isaan irratti bobeessee harka warra Filisxeemotaa fi warra Amoon jala isaan galche.
8Isaan immoo waggaadhuma sanaa jalqabanii, waggaa kudha saddeetiif Israa'eloota warra laga Yordaanos irraa gara ba'a-biiftuu Giil'aad biyya warra Amoorotaa keessa jiraatan hundumaa gad cabsanii isaan in cunqursan.
9Warri Amoon yommuu gosa Yihudaa, gosa Benyaamiinii fi sanyii Efreem loluudhaaf laga Yordaanos ce'anitti, Israa'eloonni guddaa in dhiphatan.
10Yommus Israa'eloonni gara Waaqayyotti iyyanii, ?Si Waaqayyo keenya dhiifnee Ba'aal waaqayyolii tolfamoodhaaf sagaduu keenyaan si duratti cubbuu hojjenneerra? jedhan*.
11Waaqayyo immoo deebiseefii, ?Ani warra Gibxii, warra Amoonii fi warra Filisxeem jalaa isin baaseera mitii ree?
12Warri Sidoon, warri Amaaleqii fi warri Maa'on yommuu isin cunqursan, isin gara kootti in iyyattan, ani immoo isin nan oolche.
13Amma garuu sababii isin ana dhiiftanii waaqayyolii ormaaf sagaddaniif, anis deebi'ee isin hin oolchu.
14Dhaqaatii waaqayyolii warra fo'attan sanatti iyyadhaa! Isaan gidiraa keessaa isin haa oolchan!? jedheen*.
15Israa'eloonni immoo Waaqayyoon, ?Nuyi cubbuu hojjenneerra; ati waanuma gaarii ta'ee sitti mul'atte nu irratti hojjedhu! Miilanaaf garuu hadaraa nu oolchi!? jedhan.
16Kana booddee waaqayyolii ormaa of gidduudhaa baasanii Waaqayyoof in hojjetan; Waaqayyo immoo rakkina Israa'el irra ga'e kanaaf in gadde*.
17Warri Amoon lolaaf walitti waamamanii Giil'aad keessa buufannaan, Israa'eloonni walitti qabamanii mandara Miisphaa keessa buufatan.
18Gurguddoonni warra Giil'aadis walii isaaniitiin, ?Nu keessaa namni duraan dursee Amoonota loluu jalqabu, warra Giil'aad keessa jiraatan hundumaa irratti dura-buutuu haa ta'u!? jedhan*.