1Israa'eloonni ammoo Waaqayyo duratti waan hamaa in hojjetan; kanaafis Waaqayyo dabarsee waggaa afurtamaaf harka warra Filisxeemotaatti isaan kenne.
2Yeroo sanatti biyya Zoraa sanyii Daan keessa namni ?Maano'aa? jedhamu tokko ture; haati manaa isaas dhabduu waan turteef dhala hin godhanne.
3Yommus ergamaan Waaqayyoo haadha manaa namichaatti mul'atee, ?Ati dhabduu waan taateef dhala hin godhanne, amma garuu in ulfoofta ilmas in deessa*.
4Kanaaf si'achi daadhii waynii yookiis waanuma nama macheessu dhuguuttii, waan xuraa'aas nyaachuuttii of eeggadhu!
5Kunoo, in ulfoofta, mucaan ati deessu kun garaa kee keessaa jalqabee Waaqayyoof addaan waan ba'eef, qarabaan mataa isaa irra hin ga'in! Mucichi Israa'elin harka warra Filisxeemotaa jalaa baasuuf jira? jedhe*.
6Yommus dubartittiin gara abbaa manaa ishee dhaqxe, ?Namni Waaqayyoo inni bifni isaa akka bifa ergamaa Waaqayyoo guddaa sodaachisaa ta'e tokko gara koo in dhufe; ani eessaa akka inni dhufe isa hin gaafanne, innis maqaa isaa anatti hin himne.
7Garuu, ?Kunoo, in ulfoofta ilmas in deessa; mucichi garaa kee keessaa jalqabee hamma guyyaa du'a isaatiitti Waaqayyoof addaan kan ba'e waan ta'uuf, egaa daadhii waynii yookiis dhugaatii nama macheessu hin dhugin, waan xuraa'aa tokko illees hin nyaatin!? naan jedhe? jetteen.
8Maano'aan yommus, ?Yaa gooftaa, namni Waaqayyoo inni ati ergitee turte sun deebi'ee gara keenya dhufee, mucaa dhalatu sana attamitti akka guddifnu nutti haa himuuf sin kadhadha? jedhee Waaqayyoon kadhate.
9Waaqayyo kadhata Maano'aa in dhaga'e; ergamaan Waaqayyoo ammoo gara haadha manaa Maano'aa in dhufe; isheen yommus maasii keessa turte, abbaan manaa ishee garuu ishee bira hin turre.
10Isheen ariitiidhaan gara abbaa manaa isheetti fiigdee, ?Kunoo! Namichi inni gaaf tokko gara koo dhufee ture ammas anatti mul'ate? jettee itti himte.
11Kana irratti Maano'aan ka'ee haadha manaa isaa duukaa bu'ee gara namichaa dhufee, ?Dubartii kanatti waa kan hime sii?? jedhee gaafannaan,
12Maano'aan immoo namichaan, ?Dubbiin kee yommuu raawwatamu seerri mucichi ittiin jiraatu, wanti gochuun isaaf ta'us maali?? jedhe.
13Yommus ergamaan Waaqayyoo sun Maano'aadhaan, ?Dubartiin kun waan ani isheetti hime hundumaattii of haa eeggattu!
14Isheen waan ija waynii irraa hojjetamu hundumaa akka hin nyaanne, daadhii waynii yookiis dhugaatii nama macheessu akka hin dhugne, waan xuraa'aa akka hin nyaanne, waan ani ishee abboome kana hundumaa haa eegdu!? jedhe.
15Ergasii Maano'aan ergamaa Waaqayyootiin, ?Xobbaallaa reettii tokko qopheessinee hamma siif dhi'eessinutti hadaraa xinnoo nuuf turi!? jedhe.
16Namichi ergamaa Waaqayyoo ta'uu isaa Maano'aan hin beekne ture; ergamaan Waaqayyoo sun garuu, ?Ati yoo ana giddisiifte iyyuu, ani nyaata kee hin nyaadhu; qalma gubamu dhi'eessuu yoo feete immoo isa Waaqayyoof dhi'eessi!? jedheen*.
17Maano'aan immoo ergamaa Waaqayyootiin, ?Dubbiin kee yommuu raawwatamu ulfina akka siif kenninutti maqaan kee eenyu?? jedhe.
18Ergamaan Waaqayyoos Maano'aadhaan, ?Maaliif maqaa koo gaafatta ree? Innoo dinqisiisaa namni bira ga'uu hin dandeenyee dha? jedhe*.
19Kana booddee Maano'aan xobbaallaa reettii fi kennaa midhaanii fudhatee, kattaa tokko irratti Waaqayyo isa dinqii hojjetuuf aarsaa in dhi'eesse; Maano'aanii fi haati manaa isaa gara aarsaa sanaa in ilaalu turan.
20Arrabni ibiddaa iddoo aarsichaatii gara waaqaatti yommuu ol ka'u, ergamaan Waaqayyoo arraba ibiddaa sana keessaan ol ba'uu isaa arganii Maano'aanii fi haati manaa isaa adda isaaniitiin gad in gombifaman*.
21Kana irratti namichi sun ergamaa ta'uu isaa Maano'aan in bare; ergamaan Waaqayyoo sun ergasii deebi'ee Maano'aa fi haadha manaa isaatti hin mul'anne.
22Yommus Maano'aan haadha manaa isaatiin, ?Nuyi Waaqayyoon erga arginee, dhuguma du'uu keenya!? jedhe*.
23Haati manaa isaa garuu deebifteefii, ?Waaqayyo nu ajjeesuu utuu barbaadee qalma gubamuu fi kennaa midhaanii nu harkaa hin fudhatu, kana hundumaa nutti hin argisiisu, dubbii kana hundumaas nu hin dhageessisu ture? jetteen.
24Dubartittiin ilma deessee maqaa isaa ?Siimson? jettee moggaafte; mucichis in guddate; Waaqayyo immoo isa in eebbise.
25Siimson mandara buufata Daan keessa utuu jiruu Zoraa fi Eshta'ol gidduutti hafuurri Waaqayyoo isa tuttuqee yaada isaa kaasuu in jalqabe*.