1Kana booddee yeroo qamadiin haamamutti Siimson xobbaallaa reettii tokko fudhatee, haadha manaa isaa ilaaluu dhaqee, ?Gara kutaa manaa iddoo haati manaa koo jirtutti ol nan gala? jedhe; abbaan ishee garuu ol galuu isa dhowwee,
2?Anoo dhugaadhumatti raawwattee ishee jibbite se'een miinjee keetti ishee heerumsiise; quxisuun ishee ishee caalaa kan bareeddu jirti, egaa qooda ishee ishee kana fuudhi!? jedhe*.
3Siimson immoo, ?Yoos ani si'achi Filisxeemota irratti hamaa yoon hojjedhe hin komatamu? jedhe.
4Yommus Siimson ba'ee, waangota dhibba sadii qabee, eegee lamaan lamaan isaanii walitti hidhe; eegee lamaan lamaan isaanii gidduutti xomboora tokko tokko hidhe;
5xomboorichattis ibidda qabsiisee waangota sana midhaan Filisxeemotaatti gad dhiise; midhaan isa tuullaa, isa hin haamamin akkasumas waynii fi ejersa in gube.
6Kana irratti warri Filisxeemotaa, ?Maaltu akkas godhe?? jedhanii, wal gaafatan; jarreen tokko immoo, ?Siimson soddaa Tiimnaatichaatu sababii abbiyyuun isaa haadha manaa isaa nama inni miinjee godhatee turetti heerumsiiseef akkas godhe? jedhan; warri Filisxeemotaa immoo dhaqanii haadha manaa Siimsonii fi abbaa ishee mana isaa keessa ibiddaan guban.
7Siimson immoo jaraan, ?Erga isin akkas gootanii, ijaa utuun isin hin baafatin hin dhiisu? jedhe.
8Achumaanis rukuttaa jabaa isaatiin isaan rukutee namoota baay'ee in fixe; darbees holqa dhagaa Etaam keessa in taa'e.
9Ergasii warri Filisxeemotaa ol ba'anii Yihudaa keessa buufatanii, saamuudhaaf mandara Lehii keessa in tamsa'an.
10Namoonni Yihudaa Filisxeemotaan, ?Maaliif nu irratti ka'uudhaaf ol baatan?? jedhan; isaan immoo, ?Siimsonin qabnee hiinee waan inni nu irratti raawwate isa irratti raawwachuudhaaf dhufne? jedhan.
11Achumaan namoonni Yihudaa kumni sadii gara holqa dhagaa Etaamitti gad bu'anii Siimsoniin, ?Warri Filisxeemotaa akka nu irratti mo'an hin beektu moo? Ati dubbii kana maaliif nutti fidde?? jedhan.
12Isaanis, ?Nuyi qabnee si hiinee Filisxeemotattis dabarsinee si kennuudhaaf dhufne? jedhan; Siimson immoo, ?Isin ofii keessanii akka anatti hin buune anaaf kakadhaa!? jedhe.
13Isaan immoo, ?Nuyi qabnee si hiinee harka Filisxeemotaatti si kennina malee, si hin ajjeefnu? jedhan; kana booddee funyoo haaraa lamaan isa hidhanii holqa dhagichaa keessaa fuudhanii ol ba'an.
14Akkuma Siimson mandara Lehiitti dhi'aateen Filisxeemonni wacaa gara isaatti in adeeman; battaluma sanatti hafuurri Waaqayyoo isaaf dhufee, funyoon ittiin harki isaa hidhamee ture sunis akka fo'aa ibiddi qabatee in ta'e, hidhaan harka isaatiis irraa in bu'e*.
15Yeroo sanatti Siimson lafee mangaagaa harree ho'aa isaa argee fudhatee ittiin namoota kuma tokko rukutee ajjeese.
16Siimson,
17Kana dubbachuu isaa erga raawwatee lafee mangaagaa sana of harkaa in gate; kana irratti maqaan iddoo sanaa ?Raamat-Lehii? jedhamee in waamame; [?Raamat-Lehii? jechuun ?Tulluu lafee mangaagaa? jechuu dha].
18Yommus Siimson baay'ee waan dheeboteef, gara Waaqayyotti wawwaatee, ?Harka garbicha keetiin mo'icha guddaa kana laatteetta; amma immoo dheebuudhaan akkan du'u yookiis harka warra dhagna hin qabannee kana keessa akkan bu'u hin godhin!? jedhe.
19Waaqayyo immoo harawwa Lehii keessa jiru in dhoose, bishaanis isa keessaa in burqe; Siimson bishaanicha dhugnaan hafuurri isaa deebi'eefii humna in argate; burqaan sunis ?En-Haaqoree? jedhamee hamma har'aatti iyyuu mandara Lehii keessatti in beekama; [?En-Haaqoree? jechuun, ?Burqaa nama Waaqayyoon kadhatee? jechuu dha].
20Bara Filisxeemonni mootummaa isaanii jabeessanitti Siimson Israa'elin waggaa digdamaaf in geggeesse.