2Inni, ?Waaqayyo tulluu Xiyoon irraa in qaqawweessa'a, Yerusaalem keessaas sagalee isaa in dhageessisa; kaloon warra tiksituu in goga, gubbee tulluu Qarmelos irraas margi in coollaga? jedhee dubbate*.[1]
3Amos itti fufee, ?Waaqayyo akka jedhu! ?Warri mandara Damaasqoo ulee sibiilaa isa ittiin midhaan cagadaniin warra biyya Giil'aad waan cagadaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!
4? ?Kanaaf ani mana Hazaa'el mootichaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjabaa isa kan Ben-Hadaad mootichaa sana in fixa*.
5Danqaroota karra Damaasqoo nan caccabsa; warra dachaa Aween keessa jiraatan, isa ulee mootummaa baatus Bet-Edeenii nan buqqisa; warri Sooriyaas booji'amanii biyya Qiir in dhaqu? jedha Waaqayyo? jedhe*.[2]
6?Waaqayyo akka jedhu! ?Warri mandara Gaazaa dabarsanii warra Edoomitti kennuudhaaf, saba guutummaatti waan boojisiisaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!
7? ?Kanaaf ani kellaa Gaazaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa.
8Ani warra mandara Ashdood keessa jiraatan, isa ulee mootummaa baatus mandara Ashqalon keessaa nan buqqisa; mandara Eqroon irratti harka koo ol nan fudhadha, warra Filiisxiyaa keessaas kan hafan badduu in ba'u? jedha Waaqayyo gooftaan? jedhe.
9?Waaqayyo akka jedhu! Warri mandara Xiiros saba guutummaatti dabarsanii boojuudhaaf warra Edoomitti waan kennaniif, kakuu obbolummaas waan hin yaadatiniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!
10Kanaaf ?Ani kellaa Xiiros irratti ibidda nan erga; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa? jedha? jedhe.[3]
11?Waaqayyo akka jedhu! Warri biyya Edoom billaa fudhatanii obboloota isaanii waan ari'aniif, oo'as waan hin argisiisiniif, aariin isaanii yeroo hundumaa waan boba'uuf, dheekkamsi isaaniis bara hundumaa waan itti fufeef, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!
12Kanaaf, ?Ani mandara Temaan irratti ibidda nan erga; inni immoo mana mandara Bozraa warra jajjaboo in fixa? jedha? jedhe*.[4]
13Waaqayyo akka jedhu! ?Warri biyya Amoon daarii biyya isaanii bal'ifachuudhaaf jedhanii, biyya Giil'aaditti garaa dubartoota ulfaa iyyuu waan tarsaasaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!
14Kanaaf, ?Ani kellaa Raabaa irratti ibidda nan bobeessa; inni immoo mana ishee warra jajjaboo in fixa; kunis guyyaa duulli wacutti, guyyaa qilleensi bubbisuttis in ta'a.
15Mootiin warra Amoon gurguddoonni isaas isaa wajjin, booji'amanii in adeemu? jedha gooftichi? jedhe*.[5]