Macaafa Amos Raajichaa 2:1-16 GAZB1997 - Bible AI

1Amos ammas, ?Waaqayyo akka jedhu! ?Warri biyya Mo'aab lafee mootii Edoom gubanii nooraa mana diban waan godhataniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

2Kanaaf, ani biyya Mo'aab irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo mandara Keriyot in fixa; warri duulaa utuu wacanii, sagalee fiinoos dhageessisanii, namoonni Mo'aab goolii keessa in du'u.

3Isa biyya seerratus ishee keessaa nan balleessa, gurguddoota ishee hundumaas isaa wajjin nan ajjeesa? jedha Waaqayyo? jedhe*.[6]

4Waaqayyo akka jedhu! ?Warri biyya Yihudaa seera koo seera Waaqayyo isaanii tuffatanii seerrata koos eeguu didanii, waaqayyolii sobaa warra abboonni isaanii duukaa bu'aa turaniin waan wallaalchifamaniif, ani irra-daddarbaa isaanii isa keessa deddeebi'aniif adabni akka irraa deebi'u hin godhu!

5Kanaaf, ?Ani biyya Yihudaa irratti ibidda nan erga; inni immoo mana jajjaboo Yerusaalem in fixa? jedha? jedhe*.[7]

6Waaqayyo akka jedhu! ?Warri Israa'el irra-daddarbaa isaanii keessa waan deddeebi'aniif, adabni akka irraa deebi'u ani hin godhu! Isaanoo nama qajeelaa meetiitti, nama dhabaa immoo gatii kophee baaqqee cimdii tokkoof jedhanii in gurguru*.

7Isaanoo mataa warra dadhaboo awwaara keessatti lafatti dhidhiitan; warra gad qabamoos karaa irraa in daddarbatu; maqaa koo isa qulqulluu xureessuudhaaf, ilmis abbaanis dubartii ejjituu tokko bira in ga'u*.

8Isaan iddoo aarsaa hundumaa bukkeetti immoo, uffata qabsiisaaf fuudhan irra in ciisu; daadhii waynii warra adabaman biraa dhufes, mana Waaqayyo isaanii keessatti in dhugu*.[8]

9?Ani immoo, ?Amoorota warra akka birbirsaa dheeratan, warra akka muka hoomii jabaatan fuula isaanii duraa hundeedhaan buqqisee sanyii isaaniis lafa irraa balleesseen ture*.

10Lafa warra Amoorotaa kan keessan akka godhattaniif, anatu biyya Gibxiitii ol isin baasee, lafa onaa keessa waggaa afurtama isin geggeesse*.

11Ilmaan keessan keessaa raajota, dargaggoota keessan keessaas warra addaan baafamanii:- Naaziroota jedhamanii beekaman nan kaase; kun dhuguma akkas mitii ree, yaa warra Israa'el? Kanas ana Waaqayyo keessantu isin gaafata*!

12Isin garuu Naaziroota daadhii waynii akka dhugan in gootan; raajotaanis:- Raajii hin dubbatinaa! jettanii abboomtan*.[9]

13? ?Ammas akkuma konkolaataan bissii midhaanii baatu wal rigee iyyu, kunoo, anis gidiraa jalaa akka iyyitan nan godha.

14Namni fiigicha danda'u lafa itti baqatu hin qabu; jabinni nama jabaa in laafa; jagni lubbuu isaa hin oolfatu.

15Inni iddaa qabu achi hin dhaabatu, inni fiigicha danda'us miilla isaatiin of hin baasu; abbaan fardaas lubbuu isaa hin oolfatu.

16Guyyaa sanatti jagnoota keessaa inni laphee-jabeessi iyyuu harka qullaa in baqata? jedhee dubbateera Waaqayyo? jedhe*.[10]

/article>