Macaafa Amos Raajichaa 3:1-15 GAZB1997 - Bible AI

1Yommus raajichi, ?Yaa namoota Israa'el, dubbii Waaqayyoo isa inni isin irratti, guutummaa saba inni ofii isaatii biyya Gibxii baase irratti dubbate dhaggeeffadhaa*!

2Innoo, ?Saba lafa irraa hundumaa keessaa ba'eessa godhee beekee isin duwwaa ofitti qabeera; kanaafis ani yakka keessan hundumaa isinitti nan ilaala? jedheera? jedhe*.[11]

3Namoonni lama walitti dhufanii utuu waliif hin galin walii wajjin dhimma tokkoof adeemuu ree?

4Leenci yoo waa qabachuuf utaale malee, caakkaa keessaa aadee of dhageessisaa ree? Leenci saafelli yoo waa hin qabanne ta'e, mann'ee isaa keessaa sagalee isaa dhageessisaa ree?

5Allaattiin waan isheen barbaaddu kiyyoo keessa yoo jiraachuu dhabaate, isa keessa galtii ree? Futtaasaan, wanti qabamu utuu itti hin bu'in lafaa futta'aa ree?

6Fiinoon lolaa mandara keessatti yeroo afuufamu namoonni hin wareeranii ree? Utuu Waaqayyo biraa hin dhufin, wanti hamaan mandara tokko irra ga'aa ree*?

7Waaqayyo gooftaan murtoo isaa isa dhokatee jiru hojjetoota isaa warra raajotatti utuu hin mul'isin, tokko illee hojii irra hin oolchu.

8Leenci in aada, egaa eenyu ree kan hin sodaanne? Waaqayyo gooftaan in dubbachiisa, egaa eenyu ree raajii kan hin dubbanne*?[12]

9Mana jajjaboo mandara Ashdood keessa, mana jajjaboo biyya Gibxii keessas warra jiraataniin, ?Tulloota naannoo Samaariyaa gubbaatti walitti qabamaatii raafama gurguddaa namoota ishee gidduutti ta'uu fi cunqurfamuu ishee keessatti ta'u ilaalaa!? jedhaatii dhageessisaa!

10?Isaan wanta qajeelaa akka itti hojjetan hin beekan; wanta humnaan nama irratti ka'anii saamanii argatan manneetii isaanii warra jajjaboo keessa tuullatan? jedha Waaqayyo.

11Sababii kanaaf Waaqayyo gooftaan, ?Diinni biyyicha in marsa, aangoo kees in cabsa; manneetiin kee warri jajjaboonnis in saamamu? jedha.

12Waaqayyo, ?Akkuma tiksituun horii leenci qabatu irraa kottee lama yookiis cittuu gurraa buufatee dhi'eessu, hafteen namoota Israa'el warra Samaariyaa keessa afata gaggaarii irratti aara-galfachuudhaan itti tolee jiraataniis akkasuma in ta'a? jedha*.[13]

13Waaqayyo gooftaan maccaa akka jedhu! ?Dhaggeeffadhaa, sanyii Yaaqoobis gorsaa!

14Guyyaa ani irra-daddarbaa Israa'el ilaalutti, iddoo aarsaa mandara Bet'el diiguudhaaf nan dhufa; gaanfonni iddoo aarsaas muramanii lafa in bu'u*.

15Mana yeroo qorraa keessa taa'anii fi mana yeroo bonaa keessa taa'an nan jijjigsa, manneetiin ilka arbaatiin miidhagfamanis iddoodhaa in badu, manneetiin warri jajjaboonnis deebi'anii hin argaman? jedha; Waaqayyo kana dubbateera*.[14]

/article>