Macaafa Amos Raajichaa 5:1-27 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa warra biyya Israa'el, dubbii ani boo'aa isin irratti dubbachuuf ka'u kana dhaggeeffadhaa*!

2Israa'el isheen akka durbaa lafa dhoofteetti, deebitees hin kaatu; biyya ofii ishee keessatti kuftee ciifti, kan ishee kaasus hin jiru.

3Waaqayyo gooftaanoo, ?Biyya Israa'el keessaa mandarri tokko nama kuma, duulatti yoo baase, isaan keessaa namni dhibbi in hafaaf; mandarri tokko immoo nama dhibba tokko duulatti yoo baase, namni kudhan in hafaaf? jedheera*.[21]

4Waaqayyo, warra biyya Israa'eliin, ?Ana barbaaddadhaa, jiraadhaas*!

5Iddoo sagadaaf beekaman Bet'elin hin barbaadinaa! Giilgalin hin dhaqinaa! Bersheebaattis hin ce'inaa! Warri Giilgal boojuutti in galu, Bet'el gad deebitee wanta waa'ee hin baafne in taati? jedha*.

6Egaa Waaqayyoon barbaaddadhaa, jiraadhaas! Kanaa'achi inni akka ibiddaatti mana Yoseef irra in bu'a, xaph in godhas; Bet'el irraa kan dhaamsus hin argamu.[22]

7Isin warra dhugaa namaa dubbii hadhaa'aatti geddartanii, qajeelinas lafatti gattaniif wayyoo*!

8Inni urjoota ?Torbii? jedhaman, urjoota ?Sadee? jedhamanis uume, inni dukkana ifa ganamaatti diddiiru, guyyaas dukkaneessee halkan godhu, inni bishaan galaanaa waamee, irra lafaatti lolaasus, maqaan isaa Waaqayyoo dha*!

9Inni isa jabaa irratti badiisa in bobeessa, masaraattis balleeffamuu in fida.[23]

10Isin isa wal ga'ii karra dallaa keessatti dhugaadhaaf falmuu in jibbitu, nama dubbii hir'ina hin qabne dubbatus in ciiggaatu*.

11Isin nama dadhabaa dhidhiittanii bulchitanii, midhaan isaas karaa malee waan irraa fudhattaniif, dhagaa soofamaadhaan mana in ijaarrattu, garuu keessa hin jiraattan; iddoo dhaabaa waynii ija namaa harkisus in qopheeffattu, garuu daadhii waynichaa hin dhugdan!

12Isin warri nama qajeelaa cunqursitanii gabbarsuus fudhattanii, nama dhabes firdii akka hin arganne gootan, irra-daddarbaan keessan attam akka baay'atu, cubbuun keessanis attam akka guddatu ani beeka*!

13Kanaafis kun yeroo hamaa waan ta'eef, namni hubataan yeroo akkasiitti calluma in jedha.[24]

14Isin akka jiraattanitti wanta gaarii barbaadaa malee, wanta hamaa gochuu hin barbaadinaa! Yoos akkuma isin jettan in ta'a; Waaqayyo gooftaan maccaas dhuguma isinii wajjin in jiraata*.

15Wanta hamaa jibbaa, wanta gaariis jaalladhaa! Wal ga'ii karra dallaa keessatti dhugaan jabaatee akka dhaabatu godhaa! Yommus Waaqayyo gooftaan maccaa, sanyii Yoseef keessaa warra hafanitti araara in argisiisa ta'a*.[25]

16Amma garuu Waaqayyo gooftaan maccaa gooftichi, ?Wal ga'ii karaa hundumaa irratti in boo'u, karaa jiru hundumaa irrattis, wayyoo! wayyoo! in jedhu; warra qotiisa qotan gaddaaf, boossiftuus boo'ichaaf in waamu.

17Iddoo dhaabaa waynii hundumaatti iyyuu boo'ichi in ta'a; ani isin adabuudhaaf isin gidduu waanan darbuuf kun hundinuu isinitti in dhufa? jedhe; inni kana dubbate Waaqayyoo dha*.[26]

18Isin warra guyyaa Waaqayyoo hawwaan eeggattaniif wayyoo! Guyyaan Waaqayyoo maal isiniif godha? Inni isiniif dukkanaa'aa dha malee ifaa miti!

19Akka nama leenca jalaa utuu baqatuu amaaketi itti dhufutti, isa jalaa ba'ees manatti galee keenyan yommuu qabatu bofni harka isaa iddu in taatu.

20Guyyaan Waaqayyoo sun ifaa utuu hin ta'in dukkanaa'aa dha mitii ree? Innoo duumessaa'aa dha aduus hin qabu*.[27]

21Waaqayyo, ?Ani ayyaana ayyaaneffachuu keessan nan jibbe, waa'ee isaas nan dhiise, wal ga'iin keessanis anatti in ajaa'e.

22Qalma gubamuu fi kennaa midhaanii anaaf yoo dhi'eessitan iyyuu ani itti hin gammadu; horii coccoomoo qalma galataaf dhi'eessitanis ani hin ilaalu.

23Iyya faarfannaa keessanii ana irraa fageessaa! Sagalee maseenqoo keessaniis ani dhaga'uu hin barbaadu.

24Qooda kanaa bulchi qajeelaan akka bishaaniitti, qajeelummaanis akka laga yeroo hundumaa yaa'uutti haa burqu*![28]

25?Yaa warra Israa'el, yeroo lafa onaa keessa waggaa afurtama turtan, qalma, kennaas anaaf dhi'eessitaniittu moo ree*?

26Ammas isin waaqayyolii tolfamoo keessan ?Saakuut? isa akka mootiitti fudhattan, ?Kiiyoon? isa bifa urjii laattaniifii itti sagaddan ol fudhattanii in baadhattu.

27Kanaaf ani biyyaa isin baasee mandara Damaasqoo garasitti boojuutti isin nan dabarsa? jedhee dubbateera; inni immoo maqaan isaa Waaqayyo gooftaa maccaa ti*.[29]

/article>