9Namni kudhan hafanii mana tokko keessayoo jiraatan iyyuu, isaanis in du'u.
10Egaa aantiin namicha du'eereeffa isaa gubuudhaaf,mana keessaa gad in baasa;yommus isa gola manichaakeessa jiruun,?Kan biraa si bira jiraa?? in jedhaan;inni garuu, ?Tokko iyyuu hin jiru?jedhee in deebisa;namichis, ?Maqaa Waaqayyooakka hin yaadannettimee hin dubbatin!? in jedha*.
11Kunoo! Waaqayyo akkas in godha;inni in abbooma,manni guddaan in hunkutaa'a,manni xinnaanis in hurraa'a.[33]
12Fardeen dhagaa kakattaa irra in fiiguu ree?Namni qotiyyoodhaan galaana in qotaa ree?Isin garuu wanta qajeelaata'ee fudhatamewanta hadhaa ta'utti,qajeelina hadhooftuutti geddartaniittu*.
13Isin warri mandara Lodbaarishee ?Waan tokkotti hin galle? qabachuutti gammaddanii,?Jabina keenyaan mandara Karnaayimishee ?Gaanfee? jedhamtus fudhanne?jettanii of jajattaniittu*!
14Waaqayyo gooftaan maccaa immoo,?Yaa mana Israa'el,kunoo ani saba tokko sitti nan kaasa,inni immoo karaa mandara Haamaatisa gara bitaatii jalqabeehamma dachaa lafa duwwaaisa gara mirgaattis si cunqursuuf jira?jedhee dubbateera*.[34]