Macaafa Amos Raajichaa 7:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise isinitti himuufan jira. Kunoo! Marga isa duraa mootichaaf erga haamanii booddee, marga isa deebi'ee biqilutti gurmuu hawaannisaa yaase.

2Hawaannisichi biqila lafaa nyaatee fixuuf jennaan, ?Yaa Waaqayyo gooftaa ko, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree? Ati dhiisiif!? nan jedhe*.

3Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; gooftichi, ?Kun itti hin dhufin!? jedhe*.[35]

4Wanta Waaqayyo gooftaan mul'ataan anatti argisiise dabalee isinitti nan hima; kunoo, Waaqayyo gooftaan firdii biyya sana irratti raawwachuudhaaf, ibidda irratti in waame; ibiddichis galaana guddaa isa lafa jalaa gubee fixee, lafa qotiisaas xaph gochuuf jedhe*.

5Kana irratti, ?Yaa Waaqayyo gooftaa, Yaaqoob ilma xinnaa waan ta'eef, attamitti kana dura dhaabachuu danda'a ree? Ati wanta kana irraa ittisi!? nan jedhe.

6Yommus Waaqayyo isa itti fiduuf yaade in dhiise; Waaqayyo gooftichi, ?Kunis immoo itti hin dhufin!? jedhe.[36]

7Waaqayyo waan tokko immoo mul'ataan anatti argisiiseera; kunoo, gooftichi fo'aa tumbii isa ittiin masaraa qajeelchanii ijaaran harkatti qabatee, masaraa akkasitti ijaarame irra in dhaabata ture.

8Inni, ?Yaa Amos, maal argita?? naan jedhe; Kana irrattan, ?Tumbii nan arga? jedhee deebiseef; gooftichi immoo, ?Ilaa, tumbii ittiin jal'inni saba koo Israa'el qoramee ilaalamu isaanitti nan qaba; ani deebi'ee irra isaaniif hin darbu*.

9Iddoon ol jedhoon warri maatiin Yisihaq irratti sagadan hundinuu in onu; iddoo qulqullaa'oon warri kan Israa'el in diigamu; mana Yerobi'aam irrattis billaadhaan nan ka'a? jedhe*.[37]

10Kana booddees Amaasiyaan lubni Bet'el, Yerobi'aam mootii Israa'elitti ergee, ?Amos namoota Israa'el gidduu dhaabatee sitti korateera; wanta inni dubbates lafti baachuu hin danda'u*.

11Namichi, ?Yerobi'aam billaadhaan in du'a, namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus? jedheera? jedhe.[38]

12Amaasiyaan yommus Amosiin, ?Yaa namicha mul'ata argituu, asii adeemi, biyya Yihudaatti baqadhu! Achitti raajii dubbadhuu ittiin buddeena nyaadhu*!

13Bet'el iddoo manni qulqullummaa inni mootichi keessatti sagadu, manni sabni mootummaa kanaa itti wal ga'us jiruu dha; asitti matumaa deebitee raajii hin dubbatin!? jedhe*.[39]

14Ammas immoo deebisee Amaasiyaadhaan, ?Ani horii nan horsiisa, harbuus dhaabee nan guddisa malee, hojiin koo raajii dubbachuu miti, sanyiin koos raajii hin dubbanne*.

15Waaqayyo garuu horii ani tiksu biraa na fudhatee, ?Dhaqii saba koo Israa'elitti raajii dubbadhu!? naan jedhe.

16Ati immoo, ?Israa'el irratti raajii hin dubbatin, mana Yisihaq irrattis hin lallabin!? anaan jetteetta; egaa amma dubbii Waaqayyoo dhaggeeffadhu*!

17Waaqayyo, ?Haati manaa kee mandara keessatti ejjituu in taati, ilmaan kee fi intaloonni kee billaadhaan in kufu, lafti kee funyoo safaraatiin in hirmama, atis ofii keetii biyya xuraa'aa keessatti in duuta; namoonni Israa'elis biyya isaaniitii inuma baafamu, inuma booji'amus? siin jedha? jedhe*.[40]

/article>