Macaafa Amos Raajichaa 8:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo waan tokko immoo mul'ataan anatti argisiiseera; kunoo, guuboo ija mukaa bilchaataa baatu tokko nan arge.

2Waaqayyo yommus, ?Yaa Amos, maal argita?? naan jedhe; kana irrattan, ?Guuboo ija mukaa bilchaataa baatu tokko nan arga? jedhee deebiseef; Waaqayyo immoo, ?Sabni koo Israa'el dhumuu ga'eera, ani deebi'ee irra isaaniif hin darbu.

3Guyyaa sanatti warri mana mootummaa keessaa weeddisan in boo'u, reeffi warra du'anii in baay'ata; calluma jedhaniis iddoo hundumaatti in gatu? naan jedhe; Waaqayyo gooftaan akkas jedhee dubbateera*.[41]

4Isin yaa namoota warra dhaban dhidhiittanii, warra gad qabamoos balleessitanii, mee kana dhaga'aa*!

5Isinoo, ?Quunnaa ittiin safarru xinneessinee gatii immoo ol kaasuudhaan miijana sobaatiinis gowwoomsuudhaan midhaan akka gurgurrutti, ayyaanni baatii yoom darba? Gombisaa midhaanii banuudhaafis Sanbanni yoom darba*?

6Silaa ungulaallii midhaanii in gurgura; warra dadhaboo meetiidhaan, warra dhabanis gatii kophee baaqqee cimdii tokko irra jiruun in binna? in jettu*.[42]

7Waaqayyo ulfina isaa isa Yaaqoob jajatuun kakateera, ?Hojii isaanii isa hamaa hundumaa ani matumaa hin irraanfadhu.

8Sababii kanaaf lafti hin raafamuu ree? Warri isa keessa jiraatan hundinuus hin gaddanii ree? Guutummaan biyyichaa akkuma laga Abbayyaa ol in ka'a, akka laga isa Gibxi keessa daddarbatamaa yaa'uus gad in gala? jedhe*.[43]

9Waaqayyo gooftaan, ?Guyyaa sanatti biiftuun waareetti akka lixxu, ifni guyyaa utuma jiruus lafti akka dukkanaa'u nan godha*.

10Cidha keessan gaddatti, faarfannaa keessanis hundumaa boo'ichatti nan geddara; mudhii keessanii gaditti uffata gaddaa isin nan hidhachiisa, mataa keessanis akka haaddattan nan godha; boo'icha kana akka boo'icha isa ilma tokkichaaf boo'anii nan godha; wanti guyyaa sanatti ta'us hamma dhumaatti jibbisiisaa in ta'a? jedhee dubbateera*.[44]

11Waaqayyo gooftaan, ?Kunoo! Barri ani itti biyya kana irratti beela ergu dhufuuf jira; beelichis isa namoonni dubbii Waaqayyoo dhaga'uu dhabanii beela'an malee, beela buddeenaa fi dheebuu bishaanii miti.

12Isaan dubbii Waaqayyoo barbaaddachuudhaaf galaana isa gara tokkootii hamma galaana isa gara kaaniitti, gara bitaatii hamma ba'a-biiftuutti in tiratu; garuu argachuu hin danda'an*.[45]

13?Guyyaa sanatti durboonni babbareedoonii fi dargaggoonni dheebuudhaan in gaggabu.

14Isaan warri Waaqayyo tolfamaa isa warri Samaariyaa ittiin yakkaniin kakatan, Daaniin, ?Dhugaa isa ati waaqessituu ti!? Bersheebaadhaanis, ?Dhugaa karaa isa kan keetii ti!? jedhan in kufu, deebi'aniis matumaa hin ka'an!? jedhee dubbateera*.[46]

/article>