1Ammas Waaqayyo gooftaaniddoo aarsaa gara irraautuu dhaabatuu mul'ataan nan arge;inni, ?Manichi guutummaattiakka raafamuttimataa utubaa isaa rukuti!Mataa hunduma isaanii irrattis caccabsi!Warra kana irraa hafanisbillaadhaan nan ajjeesa,isaan keessaa tokko illeedanda'ee jalaa hin baqatu,tokkos illee jalaa hin ba'u*.
2Isaan qotaniiiddoo lafa jalaa yoo ga'an iyyuu,harki koo qabee achi keessaaol isaan in baasa;bantii waaqaatti yoo ol ba'an iyyuu,achii gad isaan nan buusa*.
3Gubbee tulluu Qarmelos irrayoo dhokatan iyyuu,achi irratti argee isaan nan qaba;ija koo duraa galaana gad fagoo keessalafa bira ga'anii yoo miliqan iyyuu,achitti iyyuu bofni galaana keessaaakka isaan idduuf nan abbooma.
4Booji'amanii diinota isaanii durayoo oofaman iyyuu,achittis billaa isaanitti nan ajaja,innis isaan in ajjeesa;gaariidhaaf utuu hin ta'in,ija hamaadhaan isaan nan ilaala? jedhe*.[47]
5Waaqayyo gooftaan maccaaharka isaatiin laficha in tuqa;lafichi in raafama,warri isa irra jiraatanis in boo'u;guutummaan biyyichaa akkuma laga Abbayyaa ol in ka'a,akka laga Abbayyaaisa Gibxi keessa yaa'uusgad in gala*.
6Waaqayyo gooftaan mana isaa isa gara irraa,bantiiwwan waaqaa keessatti in ijaare;bantii waaqaa isa naannooslafa gara irraa in dhaabe;inni bishaan galaanaa waamee,irra lafaatti lolaasusmaqaan isaa Waaqayyoo dha*!
8Kunoo! Waaqayyo gooftaan mootummaabiyya cubbamaa kanaija dheekkamsaatiin in ilaala;Waaqayyo, ?Ani lafa irraaisa nan balleessa;haa ta'u iyyuu malee, sanyii Yaaqoob guutummaatti hin balleessu*.
9Kunoo, ani saba lafa irraaisinitti nan abbooma,akka nama midhaan gingilchuus,isin warra Israa'elakka gingilchan nan godha,kan hin barbaadamnes tokko illeegingilchaa keessa hin darbu.
10Saba koo keessaa cubbamoonni warri,?Wanti hamaan nutti hin dhi'aatu, nu hin qaqqabus? jedhanhundinuu billaadhaan in du'u?jedhee dubbateera*.[49]
11Ammas Waaqayyo,?Gaaf tokko immoo manni Daawitinni jige ol ka'eeakka dhaabatu nan godha,keenyan mana isaa isa dhagaas nan deddeebisa,isa hurraa'es wal nan qabachiisa,akka isaa duriittis deebisee nan ijaara.
12Isaan biyya Edoom keessaa warra hafan,saba lafa irraa keessaawarra kan koo ta'anii beekamanhundumaas haa qabatan!?jedhee dubbateera;gooftichis kana in godha*.[50]
13Waaqayyo, ?Kunoo barri tokko in dhufa;bara sanas utuunamni sanyii facaasuu,booddee isaatiin immoo inni tokko haamaatti in ka'a;akkasumas utuu inni tokkoija waynii cuunfuu,inni kaan dhaabuuflafa baqaqsuutti in ka'a;tulloonni, cuunfaa wayniiisa haaraa in coccophsu,gaaronni hundinuus in fiilu*.
14Saba koo Israa'elin gara gaariitti nan deebisa;isaan mandaroota diigamandeebisanii ijaaranii keessa jiraatu;iddoo dhaabaa waynii in qopheeffatu,daadhii waynichaas in dhugu,lafa muka ija kennu dhaabatan in qabaatu,ija isaas in nyaatu*.
15Biyya isaanii irra isaan nan dhaaba,biyya ani isaaniif kenne keessaasdeebi'anii hin buqqifaman? jedhe*;inni kana dubbate immoo Waaqayyo gooftaa kee ti*.[51]