Macaafa Anbaaqom Raajichaa 1:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Dubbiin mul'ata Anbaaqom kanatti fufee jira.

2Ani Anbaaqom, ?Yaa Waaqayyo! Hamma yoomiittan gargaarsaaf gara keetti iyya? Atis hamma yoomiitti hin dhageessu? Hamma yoomiitti anis gara keetti wawwaadha? Atis hamma yoomiitti warra humnaan nama irratti ka'an jalaa nu hin oolchitu?

3Balleessuu fi humnaan nama irratti ka'uu waanan arguuf, gargar ba'uunii fi lolli ka'aa waan jiraniif, maaliif wanta jal'aa na argisiifta? Maaliifis yommuu namni gad nama qabu cal jettee ilaalta?

4Kanaafis abboommiin gatii dhabe, firdii qajeelaan jiruu irra ooluu dide, warri jal'oonnis warra qajeelota danqanii, firdii in jal'isiisan!? nan jedhe*.[1]

5Waaqayyo immoo deebisee, ?Ani bara keessan keessa wanta yoo isinitti himame iyyuu isin amanuu hin dandeenye waanan godhuuf, mee saba warra kaan ilaalaa, baay'isaa dinqisiifadhaas*!

6Kunoo, ani warra Kaldootaa saba hamootaa fi jal'oota, warra lafa nama irraa fudhachuudhaaf, biyya hundumaa keessa yaa'an nan kaasa*;

7isaan saba sodaachisoo fi naasisoo dha; firdii ofuma isaaniitiif in baafatu, ulfinas ofii isaaniitiif in kennu.

8Fardeen isaanii qeerransa caalaa coollee dha; yeeyyii galgalaa caalaas in sodaachisu; abboonni fardeenii, fardeen isaaniitiin in dha'atu, akka joobira wanta nyaatu irratti lafa dha'uutti, fagoodhaa ka'anii fiigaa in dhufu*;

9hundumti isaanii humnaan nama irratti ka'uudhaaf in dhufu, gara ba'a-biiftuutti fuula qajeelfatanii jiru; boojuun isaaniis akka cirracha galaana qarqaraa in baay'ata.

10Moototatti in ga'isu, warra biyya bulchanitti in kolfu, mandaroota masaraa qaban hundumaatti in qoosu, koobii itti ijaaranii lixanii isaan in qabatu;

11garuu warri yakkanii humna isaanii Waaqayyo isaanii godhatan kun, ergasii achii ka'anii akka qilleensaatti fiiganii in sokku? jedhe*.[2]

12Ani Anbaaqom immoo, ?Yaa Waaqayyo, ati kan durii durii ti, mitii ree? Yaa Waaqayyo ko, yaa isa qulqulluu, ati hin duutu; ati kattaa keenya! Isaan kana firdiif kaafte, adabaafis isaan dhaabde*!

13Ati baay'ee qulqulluu waan taateef, jal'ina hojjetamuu fi cunqurfamuu namaa cal jettee ilaaluu hin dandeessu erga ta'ee, yoos maaliif warra gantoota cal jettee ilaalta ree? Maaliifis yommuu warri hamoonni, warra isaan caalaa qajeelota ta'an balleessan calluma jetta ree*?

14Ati namoota akka qurxummii galaana keessaa, akka uumama galaana keessa ajajjuu malee munyuuqaniis gooteetta.

15Warri Kaldootaa kun, akka qurxummiitti qoonyeedhaan qabanii achi keessaa isaan in baasu; kiyyoo isaaniitiin isaan in harkisu; kiyyoo isa ittiin harkisan keessattis walitti isaan in qabu, gammadaniis in ililchu;

16isaan kiyyoo isaaniitiif kiyyoo isaanii isa ittiin harkisaniin qannootti waan jiraataniif, nyaata fo'amaas waan nyaataniif, isaan mi'a isaanii kanaaf aarsaa in dhi'eessu, ixaanas in aarsuuf.

17Egaa isaan ittuma fufanii, billaa isaaniitiin saba lafa irraa oo'a malee gad ciranii haa balleessanii ree?? nan jedhe.[3]

er>