Macaafa Anbaaqom Raajichaa 2:1-20 GAZB1997 - Bible AI

1Ani iddoo dhaabatanii eegan irra dhaabadhee nan eega, koobii sana irras nan ijaajja; kunoo, dubbii inni anatti dubbatu nan dhaga'a, wanta ani isa komadheefis waan inni deebisu nan ilaala*.[4]

2Yommus Waaqayyo anaaf deebisee, ?Mul'ata argite kana, akka namni rakkina malee dubbisuu danda'utti, mul'isii gabatee irratti caafi*!

3Mul'anni kun yeroo itti raawwatamuun isaaf ta'u in eega, waa'ee guyyaa booddee in dubbata, garuu soba miti; yoo lafa irra harkifame iyyuu isa eeggadhu! Inni dhuguma in dhufa, hin turus? jedhe*.

4Kunoo, namni afuufamu nama yaada qajeelaa miti, namni qajeelaan garuu amantii isaatiin in jiraata*.[5]

5Namni daadhii wayniitiin mo'amee of tuulu in gowwoomfama, inni albaadheessa akka boollaa fi akka du'aa, isa saba lafa irraa hundumaa walitti qabatu, isa namoota hundumaas ofitti sassaabbatuu ti; inni gonkumaa hin quufu, na ga'as hin jedhu.

6Hundumti isaanii isatti ga'isanii, isatti kolfaa isatti mammaakanii, ?Yaa nama qabeenya namaa hattee tuullattuu, horii jal'inaatiinis sooromtuu, siif wayyoo! Kun hamma yoomiitti itti fufa?

7?Warri gatii si irraa qaban dingata sitti hin ka'anii ree? Isaan sitti dammaqanii si hin dhiphisanii ree? Atis harka isaanii keessa hin galtuu ree?

8Ati saba baay'ee waan saamteef, sabni warri hafan immoo si saamu; ati dhiiga namaa dhangalaafteetta, biyya baay'ee, mandarootaa fi wanta isaan keessa jiran hundumaas balleessiteetta*.

9Yaa nama bu'aa jal'inaatiin mana kee ijaarrattuu, diina jalaa ba'uudhaafis lafa itti galtu iddoo ol ka'aa irratti tolfattuu, siif wayyoo*!

10Ati namoota baay'ee balleessuudhaaf korachuu keetiin, mana kee irratti salphina fiddeetta, of irrattis cubbuu hojjetteetta.

11Kanaafis dhagaan keenyan manichaa in iyya, mukti manichi ittiin ijaarames jalaa in qaba*.[6]

12?Yaa nama dhiiga dhangalaasuudhaan manneetii ijaartuu, jal'inaanis mandara gurguddaa cimsitee dhaabbattuu, siif wayyoo*!

13Waaqayyo gooftaan maccaa, dadhabbiin namootaa akka qoraan ibiddatti nam'uu, dhama'uun saba lafa irraas akkasumaan akka ta'u murtoo hin goonee ree*?

14Akkuma galaanni bishaaniin guutamu, akkasuma lafti ulfina Waaqayyoo beekuudhaan in guutamti*.

15Yaa nama qullaa fira keetii ilaaluudhaaf jettee, hamma inni machaa'utti daadhii waynii isa obaaftuu, siif wayyoo!

16Ati ulfina utuu hin ta'in, yeelloo in quufta; yommuu darabeen kee ga'u, dheekkamsa harka Waaqayyoo keessaa sitti dhufu dhugdee in gatantarta, ulfinni kees yeellootti in diddiirama*.

17Ati dhiiga namaa dhangalaaftee, biyya balleessitee, mandarootaa fi wanta isaan keessa jiraatan waan barbadeessiteef, inni ati Liibaanon irratti humnaan kaate sitti gara in gala; isa bineensota caakkaa balleessiteefis naasuun si qabata*.[7]

18?Bifni Waaqayyo tolfamaa, inni namni muka irraa qirixee tolche maal waa'ee baasa? Inni namni baqsee tolchee, ittiin soba nama barsiisus maal gatii qaba? Waaqayyo tolfamaan inni dubbachuu hin dandeenye kun, namichi isa tolche akka isa amanatuuf waa gochuufii hin danda'u*.

19Warqee fi meetiin yoo isaanitti uffifame iyyuu, isaan lubbuu hin qaban waan ta'eef, yaa nama mukaan ?Ka'ii, sokoksi!? yookiis dhagaa lubbuu hin qabneen, ?Dammaqii, ka'i!? jettuu, siif wayyoo*!

20Waaqayyo garuu mana qulqullummaa isaa keessa jira, lafti guutummaatti isa duratti calluma haa jedhu!? in jedhu*.[8]

er>