2Ani Anbaaqom, ?Yaa Waaqayyo!Gocha beekamaa ati goote dhaga'eera,yaa gooftaa! Gochaa kee kana yommuun dhaga'usodaachuutu anatti dhufa;mee bara keenya kanatti wanta akkasii deebisii hojjedhu,yeroo keenya kanattisakka isaan beekaman godhi!Yoo aarte iyyuu araara keetiin nu yaadadhu!? nan jedhe.
3Waaqayyo inni qulqulluun biyya Temaanii,tulluu Phaaraan irraa in dhufa;surraan isaa bantiiwwan waaqaa,galanni isaas biyya lafaa irra in guuta*;
4ifni ulfina isaatiisakka ifa aduu ti,harka isaa isa humni isaakeessa dhokatee jiru keessaabalaqqeessi as in ba'a;
5dha'icha of dura in erga,dugda isaa duubaan immoodhukkuba nama fixutu dhufa.
6Yommuu dhaabatu lafa in rom'isiisa,mil'uu ija isaatiinissaba lafa irraa in hollachiisa;tulloonni durii duriicaccabanii in hurraa'u,gaaronni dur turanislafatti in dabalamu;karaan inni irra adeemu garuubara baraan in jiraata*.
7Warri Kushaan rakkina keessa akka jiran,biyyi Miidiyaanisakka rom'ite nan arga.[9]
8Yaa Waaqayyo! Ati lagootatti in aartee?Burqootattis in dheekkamtee?Yommuu fardeen kee yaabbatte,konkolaataa mo'umsa kee irras teesse,galaanotatti in aartee?
9Ati iddaa kee luqqifatteexiyya baay'ee in qopheeffatte;lafas lagootaan in tatarsaafte;
10tulloonni si arganii in hollattan,bokkaa yandoon in roobe,tuujjubnis huursee,dha'aan isaa ol in ka'e*.[10]
11Yommuu xiyyi kee isaanitti calaqqiseeeeboon kee isaanitti ifu,aduunii fi ji'i,calluma jedhaniiiddoo isaanii in dhaabatan*.
12Ati dheekkamsaan lafa irra in adeemta,aariidhaanis saba lafa irraa in dhidhiitta;
13ati saba kee fayyisuudhaaf gad in baata,isa dibame sanasoolchuuf in dhufta;dura-buutuu warra jal'ootaalafatti in rukutta,mataadhaa hamma miillaattiqullaatti in hambifta*.
14Yommuu loltoonni isaagargar nu facaasuudhaaf,warra rakkatoota dhokatanii jiranisfixuudhaaf humnaan ka'anitti,ati eeboodhuma isaatiindura-buutuu isaanii in waraanta.
15Ati fardeen keetiinbishaan guddaa hoomacheessaa,galaana keessa karaa in baafatte.[11]
16Kana dhaga'uu irraa kan ka'egaraan koo in raafama,sodaachuu irraa kan ka'ehidhiin koo in hollata,lafeen koo in bututa,miilli koos in gatantara;haa ta'u iyyuu malee,rakkina Waaqayyo warra nu dhiphisan irrattifiduuf jiru sanaarguudhaaf calluma jedhee nan eeggadha*;