Macaafa Asteer 4:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Mordekaayi wanta ta'e kana hundumaa yommuu hubate, gadda irraa kan ka'e uffata isaa tarsaasee, uffata gaddaa uffatee, daaraas ofitti firfirsee, guddisee wawwaachaa mararames boo'aa mandarattii walakkaa in darbe.

2Garuu sababii namni uffata gaddaa uffatu kellaa mootichaa lixuu hin dandeenyeef, hamma fuul-dura kellaa mana mootichaa duwwaatti in adeeme.

3Kutaa mootummaa biyya sanaa hundumaa lafuma ajajjinii fi labsiin mootichaa ga'etti, Yihudoota gidduu gadda guddaa, soomuu, boo'ichaa fi wawwaannaatu ture; baay'een isaanii immoo uffata gaddaa uffatanii daaraas ofitti firfirsanii in taa'an.

4Durboonnii fi xu'aashonni warri Asteeriif ergaman dhufanii waa'ee Mordekaayi yommuu isheetti himan, Asteer mootittiin naatee lafa irraa in badde; uffata gaddaa sana dhiisee uffata kan biraa akka inni uffatuuf in ergiteef; inni garuu fudhachuu in dide.

5Yommus Asteer xu'aashota mootichaa keessaa Hataak isa isheedhaaf ergamuudhaaf fuula ishee dura dhaabatu waamtee, Mordekaayi maal akka ta'e, maaliifis akkas akka ta'e akka baruuf in ergite.

6Kana irratti Hataak ba'ee, waltajjii mandarattii isa karra kellaa mootichaa fuul-dura jiru keessatti Mordekaayi bira in dhaqe.

7Yommus Mordekaayi wanta isa irra ga'e hundumaa, baay'ina horii isa Haamaan Yihudoota ficisiisuudhaaf warra horii mootummaa kanaa baatanitti kennuudhaaf abdachiises isatti in hime*.

8Akkasumas caaffata labsii isaan barbadeessuudhaaf mandara Susaan keessaa ba'e irraa gara galfame geessee Asteeritti akka argisiisuuf, waa'ee isaas isheedhaaf akka ibsuuf itti in kenne; kana malees immoo Asteer fuula mootichaa duratti dhi'aattee, himattee qomoo isheetiif araara kadhachuuf akka ishee ariifachiisuuf isatti in hime.[11]

9Hataak deebi'ee wanta Mordekaayi jedhe Asteeritti in hime.

10Asteer ammas gara Mordekaayitti isa ergitee,

11? ?Eenyu illee dhiiras ta'e dubartiis ta'e, utuu hin waamamin gara kutaa mana mootichaa isa gara keessaatti ol galee mootichatti dhi'aatee yoo argame, akka ajjeefamu seerri tokko jira; haa ta'u iyyuu malee, namni mootichi siiqqee isaa isa warqee irraa hojjetame itti qabe immoo ajjeefamuu in oola; isa kanas hojjetoonni mootichaa fi namoonni kutaa biyya isaatii keessa jiran hundinuu in beeku; anis guyyaa soddomman kanaaf lafa mootichi jirutti ol galuudhaaf hin waamamne? jedhiin? jette*.[12]

12Dhaamsi Asteer Mordekaayi bira in ga'e.

13Inni immoo deebisee, ?Ati mana mootichaa keessa waan jirtuuf, ?Yihudoota hundumaa keessaa addaan ba'ee nan oola? jettee garaa keetti hin yaadin.

14Mootuu ta'uun kee iyyuu yeroo akkasiitiif yaadame ta'a, maaltu beeka? Yeroo akkasii kanatti ati calluma jettee yoo dhiifte immoo, Yihudoota kan furuu fi kan oolchu iddoo biraatii in ka'a, atii fi horteen abbaa keetii garuu in dhumtu? jedhee Asteeritti in dhaame*.[13]

15Kana booddee Asteeris Mordekaayitti dhaamtee,

16?Dhaqii, Yihudoota Susaan keessa jiran walitti qabiitii, waa'ee kootiif soomaa, guyyaa sadiif halkanis guyyaas homaa hin nyaatinaa, hin dhuginaas! Anii fi xomboreewwan koos akkasuma in soomna; lafa mootichi jirutti ol galuun seera mootummaa kanaa duuba yoo ta'e iyyuu, akka kanatti ani yoon du'es du'inna! Gara lafa mootichi jirutti ol nan gala? jette.

17Yommus Mordekaayi dhaqee wanta Asteer isa abboomte hundumaa in godhe.

>