Macaafa Asteer 6:1-14 GAZB1997 - Bible AI

1Halkanuma gaafasii mooticha irraa hirribni waan badeef, macaafni wanti yaadatamuun ta'uu fi seenaan guyyaa guyyaatti ta'u itti caafamu akka dhi'eeffamuuf in abboome; yommus isaan dhi'eeffamanii mooticha duratti in dubbifaman.

2Achi keessatti isa xu'aashonni balbala mootichaa eegan lamaan Biigtaanaanii fi Teresh, Ahashweros mooticha ajjeesuudhaaf koratan, Mordekaayi bakkee baasee akka ture caafamee in argame*.

3Mootichi immoo, ?Sababii kanaaf ulfina attamii fi guddina hammamiitu Mordekaayiif godhame?? jedhee in gaafate; hojjetoonni mootichaa warri isaaf ergamaa jiran immoo, ?Wanti tokko illee hin godhamneef? jedhanii in deebisan.

4Yeroo sanatti Haamaan muka itti nama rarraasan isa qopheesse sanatti Mordekaayin rarraasuudhaaf mootichatti dubbachuuf reefuu kellaa mana mootichaatti ol in lixa ture; achumaanis mootichi, ?Eenyutu kellaa kana keessa jira?? jedhee in gaafate*.

5Hojjetoonni mootichaa immoo, ?Kunoo, Haamaan kellaa kana keessa in ijaajja? jedhaniin; mootichi immoo, ?Ol haa galu!? jedhe.[16]

6Yeroo Haamaan ol galetti, mootichi, ?Nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf, maaltu godhama?? jedhee isa in gaafate; battala sanatti Haamaan garaa isaatti, ?Ana caalaatti namni mootiin ulfina kennuufii jaallatu jiraa ree?? jedhee in yaade.

7Kanaaf Haamaan deebisee mootichaan, ?Nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf,

8uffanni mootummaa inni mootichi uffatu, fardi inni mootichi yaabbatu, gonfoon mootummaa inni mataa fardichaatti kaa'amu haa dhi'eeffaman*!

9Uffanni kunii fi fardi kun, gurguddoota mootichaa warra beekamoo keessaa isa tokkotti haa kennaman; innis namicha isa mootiin ulfina kennuufii jaallatu sanatti haa uffisu; namichas fardicha irra teessisee karaa mandarattii isa beekamaa irra haa adeemsisu! Fuula isaa dura adeemees, ?Kunoo, nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf kanatu godhama!? jedhee haa labsu!? jedhe*.[17]

10Yommus mootichi, ?Ariifadhu! Akkuma jette, uffaticha, fardichas fuudhiitii Yihudicha isa karra kellaa mana mootummaa kootii dura jiru sanaaf akkuma jette godhi! Wanta dubbatte hundumaa keessaas tokko illee duraa hin hir'isin!? jedhee Haamaanitti in dubbate.

11Kana irratti Haamaan uffatichaa fi fardicha fidee, uffaticha Mordekaayitti uffisee, fardicha irras isa teessisee, karaa mandarattii isa beekamaa irra adeemsisee, fuula isaa dura bu'ees, ?Kunoo, nama mootiin ulfina kennuufii jaallatuuf kanatu godhama!? jedhee in labse.

12Kana booddee Mordekaayi gara balbala mana mootummaatti in deebi'e; Haamaan garuu gaddee mataa isaas haguuggatee dafee gara mana isaa in dhaqe;

13galees wanta isa irra ga'e hundumaa Zeresh haadha manaa isaatii fi firoota isaa hundumaatti in hime; yommus haati manaa isaa fi firoonni isaa warri beektonni, ?Mordekaayi inni ati amma fuula isaa duraa kufuu jalqabde kun, sanyii Yihudii yoo ta'e, ati raawwatteedhuma kufta malee, isaan mormuu hin dandeessu? ittiin jedhan.

14Utuu isaan kana isaa wajjin dubbachaa jiranii, xu'aashonni mootichaa dhufanii Haamaanin gara nyaachisa Asteer qopheessiteetti geessuudhaaf isa in jarjarsan*.[18]

>