2Waaqayyo,?Isin amala saba warra kaanii hin fudhatinaa*!Isaan duukaa buutaniismilikkita garaa garaa,waaqa keessatti yommuu argitan hin na'inaa*!
3Seerranni waaqessuu saba kanaawanta waa'ee hin baafnee dha;isaan muka caakkaa keessaa jigsanii,namni muka soofuu beekuqottoodhaan muree tolcheebifa itti in baasa*.
4Meetiidhaa fi warqee itti uffisee in miidhagsa;ol kaasee erga dhaabee immooakka inni hin kufnetti,buruusaan cinqaaraitti rukutee in jabeessa.
5Waaqayyolii tolfamoonni isaaniiwanta nama fakkaatee,bineensa sodaachisuudhaafmaasii buqqee dheedhii nyaatamu keessa dhaabatu in fakkaatu;isaan dubbachuu, adeemuuswaan hin dandeenyeef,namni isaan baatee in adeema;isaan nama miidhuuyookiis nama gargaaruu hin danda'an;kanaaf isaan hin sodaatinaa!? jedhe*.[71]
6Yaa Waaqayyo ati guddaa dha,kan akka keetiis hin jiru;maqaan kees guddaa beekamaa dha*.
7Yaa mootii saba lafa irraa,ati sodaatamuuf kan maltee dha,egaa kan si hin sodaanne jiraa ree?Ogeessa saba lafa irraa hundumaa keessa,mootummoota isaanii hundumaa keessaskan akka keetii tokko illee hin jiru.
8Isaan hundumti isaaniigowwootaa fi wallaalota;waaqayyolii muka irraa tolfaman irraas maal baru ree?
10Waaqayyo garuu Waaqayyo isa dhugaa ti;inni Waaqayyo isa jiraataa dha,mootii bara baraa tis;yommuu inni dheekkamulafti in raafamti,sabni lafa irraas aarii isaaisa boba'aa duradhaabachuu hin danda'an*.
11Kanaaf, ?Waaqayyoliinwarri bantiiwwan waaqaa filafa hin uumin kun, waaqa jalaa,lafa irraas in badu?jedhii isaanitti himi![72]
12Waaqayyo isa aangoo isaatiinlafa kana uumee dha,inni biyya lafaa kanaogummaa isaatiin cimsee in dhaabe,waaqas beekumsa isaatiin in diriirse*.
13Yommuu inni sagalee isaa dhageessisu,bokkaan bantii waaqaa keessaa in huursa;inni daarii lafaatii duumessa ol in kaasa,bokkaa keessas bakakkaa gad in buusa;qilleensas gombisaa isaa keessaa in baasa*.
14Namoonni hundinuu garuuwallaalota waan ta'aniif,beekumsa hin qaban;warri warqee baqsan hundumti isaanii,waaqayyolii tolchansanatti in yeella'u;bifni isaan baqsanii tolchan sun,wanta sobaa fi wantahafuurri keessa hin jirree dha*.
15Waaqayyoliin tolfamoonni kunkan waa'ee hin baafnee dha,mi'a ga'oo tis;gaafa adabni isaanitti dhufuittiin in badu.
16Waaqayyo inni kan Yaaqoob garuuakka isaan kanaa miti;wanta hundumaa kan uume isa;Israa'elin saba dhuunfaa isaa in godhate;maqaan isaa ?Waaqayyogooftaa maccaa ti*?.[73]
18Waaqayyo, ?Kunoo!Ani amma warra biyya kanakeessa jiraatan,furuursaadhaan darbadhee biyyaa nan baasa;akka isaan ana barbaaddataniifisrakkinatti isaan nan galcha? jedhe;yommus Yerusaalem sagalee isheeol fudhattee,
19?Anaaf wayyoo! Ani nan cabe, madaan koos hin fayyu;ani garaa koo keessatti, ?Kun dhukkuba,garuu kana baachuun anaaf in ta'a? jedheen yaade*.
20Amma garuu dunkaanni koo in diigame,funyoon dunkaana kootiihundinuus in ciccite;ilmaan koo hin jiranana dhiisanii in sokkan,namni dunkaana kooanaaf dhaabu hin jiru;golgaa isaaskan gad diriirsuhin argamu? in jette.[74]
21Eegdonni wallaalota ta'an,Waaqayyoonis hin gaafanne;kanaaf hojiin isaaniif qajeeluu dide,namoonni hundinuus in tamsa'an*.
22Kunoo! Oduun in dhaga'ama,waci guddaanisbiyya gara bitaatii in dhaga'ama;mandaroota Yihudaa onsee,iddoo waangonni keessa jiraatan in godha*.
23Yaa Waaqayyo! Namni akeeka jireenya isaatiiof harka galfachuu,karaa jireenya isaatiis ofii isaatiin geggeeffachuuakka hin dandeenye ani beeka*.
24Yaa Waaqayyo! Ati akka ana hin balleessinettifirdii kee isa qajeelaadhaanna ifadhu malee,dheekkamsa keetiin ana hin adabin*!
25Sabni si hin beeknee figosi maqaa kee hin waammanne,Yaaqoobin waan nyaataniif,nyaataniis waan isa fixaniif,biyya isaas raawwatanii waan onsaniif,ati dheekkamsa keeisaan irratti dhangalaasi*![75]