Macaafa Ermiyaas Raajichaa 12:1-17 GAZB1997 - Bible AI

1Yaa Waaqayyo, ati qajeelaa dha; kanaafis falmata koo si duratti nan dhi'eeffadha; haa ta'u iyyuu malee, waa'ee firdiif waanan si gaafadhu qaba; maaliif jireenyi warra hamootaaf qajeela? Maaliif warri gantoonni gabiitti jiraatu*?

2Ati isaan in dhaabde, isaanis hidda lafatti yaafatanii, guddatanii, ijas in godhatan; isaan afaan isaaniitiin kan kee in fakkaatu, garaan isaanii garuu sittii fagoo dha*.

3Ana garuu, yaa Waaqayyo, ati na beekta, na argiteetta, hammam yaadni koo sii wajjin akka jirus qortee in beekta; jara kana akka hoolaa qalamuuf oofamuu gad isaan oofi! Guyyaa isaan itti qalamanii dhumaniif addaan isaan baasi*!

4Biyyattiin hamma yoomiitti gadditi? Margi bakkee hundumaa keessa jirus hamma yoomiitti coollaga? Sababii hammina warra ishee irra jiraataniif, sababii isaan, ?Wanta nu irratti dhufuuf jiru Waaqayyo hin argu? jedhaniif, horiinii fi allaattonni in dhuman*.[82]

5Waaqayyo immoo deebisee, ?Yaa Ermiyaas, ati warra miillaan adeemanii wajjin adeemtee, isaan iyyuu erga si dadhabsiisanii, abboota fardeeniitii wajjin immoo attamitti dorgomta ree? Biyyuma nagaa qabu iyyuu amanachuu erga dadhabdee, caakkaa Yordaanos keessatti immoo attam taata ree?

6Obboloonni kee maatiin abbaa keetii iyyuu si gananiiru; utuma isaan sagalee guddaadhaan si waamanii, waa'ee keefis wanta gaarii dubbatanii iyyuu, ati isaan hin amanin*![83]

7?Ani saba koo Israa'elin warra dhuunfaa koo ta'an nan dhiisa; ishee garaan koo jaallatus harka diinota isheetti dabarsee nan kenna.

8Warri dhuunfaa koo ta'an akka leenca caakkaa keessaa anatti in ta'an; isaan anatti waan iyyaniif, ani immoo isaan nan jibbe.

9Biyyattiin isheen kan kootii lafa waraabes itti raqa nyaatee, booddee immoo allaattiin irra marsu taate mitii ree? Egaa bineensota caakkaa hundumaa walitti qabaa, isaanis dhufanii haa nyaatan*!

10Eegdonni ormaa baay'een iddoo dhaabaa waynii kootii in balleessan, maasii koos in dhidhiitan; maasii koo isa miidhagaas lafa isa gad dhiifamee one in godhan*.

11Isaan isa in onsan; inni onee gara kootti in iyya; namni dhimma isaa qabus waan hin jirreef, lafti hundinuu onee in hafa.[84]

12?Billaan Waaqayyoo daarii biyyichaa gar-tokko kaasee, hamma gara kaaniitti waan rukutuuf, warri biyyicha balleessan gaarota lafa onaa keessa jiran hundumaa in qabatan; namni nagaatti hafu tokko illee hin jiru.

13Sabni koo qamadii facaasanii ija qoraattii in galfatan; dadhabbii guddaadhaan in hojjetan, garuu waan tokko illee hin arganne; dheekkamsi koo makarii isaanii irratti waan boba'eef, isaan in yeella'an? jedhe*.[85]

14Waaqayyo, ?Saba hamoota warra olloota saba kootii ta'an, warra biyya isa ani saba koo Israa'eliif dhuunfaa godhee kenne qabatanii saamaniin nan morma. Kunoo, hunduma isaanii biyya isaanii keessaa nan ari'a, Yihudaas isaan harkaa nan baasa*;

15kana booddee garuu deebi'ee immoo warruma ani ari'e sanaaf iyyuu nan oo'a, gara biyya isaaniitti gara lafa dhuunfaa isaaniittis isaan nan deebisa*.

16Isaan akka sabni koo jiraatutti jiraachuu gaarii godhanii yoo baran, akkuma saba koo maqaa Ba'aaliin kakachuu barsiisan amma immoo deebi'anii saba kootii wajjin, ?Dhugaa isa jiraataa ti!? jedhanii kakachuu yoo baran, saba koo gidduu akka isaan jiraatan nan godha*.

17Sabni anaaf hin dhageenye yoo jiraate garuu, biyya inni keessa jirraatu keessaa baasee isa nan balleessa? jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.[86]

ter>