1Dubbiin Waaqayyo ana Ermiyaasitti dubbate kanatti fufee jira; inni, ?Dhaqiitii sabbata quncee talbaa irraa hojjetame bitadhuu, mudhii kee ittiin hidhadhu! Garuu bishaan akka isa bira hin geenye godhi!? jedhe.
2Anis akkuma Waaqayyo na abboometti dhaqee sabbaticha bitadhee ittiin mudhii koo nan hidhadhe.
3Dubbiin Waaqayyoo si'a lammaffaa gara koo dhufee,
4?Sabbata isa bitattee ittiin mudhii kee hidhatte kana fudhadhuu ka'ii, gara laga Efraaxiis dhaqi, achitti holqa dhagaa keessa isa dhoksi!? naan jedhe.
5Yommus akkuma Waaqayyo na abboome dhaqee laga Efraaxiis bukkee isa nan dhokse.
6Guyyaa baay'ee booddee ammas Waaqayyo anatti dubbatee, ?Ka'iitii gara laga Efraaxiisitti gad bu'ii, sabbata isan achi akka dhoksituuf si abboome sana fidi!? naan jedhe.
7Achumaan ka'een gara laga Efraaxiis dhaqee, haadhee, sabbaticha iddoon dhokse sanaa fuudhe; sabbatichi garuu raawwatee waan bososeef, kan waa'ee hin baafne ta'ee in argame.
8Ammas dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
9?Akkasuma ani of tuulummaa Yihudaa fi of tuulummaa Yerusaalem isa guddaa sana kan waa'ee hin baafne nan godha;
10sabni jal'aan inni sagalee koo dhaga'uu didee, boqu-jabinaan yaada ofii isaatii duukaa bu'ee waaqayyolii biraatiif hojjetee, isaaniif sagade kun, akkuma sabbata kanaa raawwatee kan waa'ee hin baafne in ta'a*.
11Akkuma sabbanni mudhii namaatti maxxanu akkasuma namoonni Israa'elii fi namoonni Yihudaa hundinuu anatti in maxxanu, saba koo ta'anii maqaan koo akka beekamuuf akka galateeffamu, ulfinas akka argatu in godhu nan se'e; isaan garuu anaaf dhaga'uu in didan? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.
12Ammas Waaqayyo, ?Ati saba kanatti dubbadhuu, ?Waaqayyo gooftaan Israa'el, manqallii daadhii waynii kana hundumaatti daadhiin waynii in guutama? jedhiin!? naan jedhe; isaan immoo kana irratti, ?Kun wanta haaraa miti, manqallii daadhii waynii hundumaatti daadhiin waynii akka naqamu nuyi ofuma keenyaa iyyuu gaarii goonee beekna mitii ree?? siin in jedhu.
13Yommus ati immoo, ?Waaqayyo, ?Kunoo! Ani warra biyya kana keessa jiraatan hundumaa, mootota warra teessoo Daawit irra taa'an, raajotaa fi luboota, warra mandara Yerusaalem keessa jiraatan hundumaas nan macheessa? jedha? jedhii deebisiif*!
14Waaqayyo, ?Ani walitti isaan nan buusa, abbootaa fi ilmaan isaanii walitti buusee nan caccabsa, ani isaan nan balleessa malee, isaaniif hin hilu, isaaniif hin oo'u, garaas isaaniif hin laafu? jedhe*.
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27