5Waaqayyo itti fufee, ?Yaa Yerusaalem!Eenyutu siif oo'a?Eenyutu siif boo'a?Eenyutus gara keetti goree si dubbisa?
6Sababii ati na tuffatteedugda anatti gatteef,ani immoo harka koo si irratti ol fudhadheerukutee sin balleessa,deebi'ees siif hin oo'u*.
7Ani akka nama midhaan qoorbiidhaanqilleensatti ol darbatee qulleessuu,sabni koo karaa isaaniitii deebi'uuwaan didaniif,karra biyyichaa durattiisaan nan darbadha;ijoollee ergan isaan harkaa fixee booddeeisaanuma iyyuu nan balleessa*.
8Dubartoonni isaaniiwarri abbaan manaa irraa dhuman,cirracha galaana qarqara jiru caalaaakka baay'atan nan godha;haadhota dargaggootaattiguyyaa saafaa badiisa nan fida,naasuu fi sodaan isaan in qabata.
9Haati ilmaan torba duraa dhumandadhabdee in wargamti;guyyaan halkan isheetti in ta'a;gadduu fi gad deebi'uun ishee irra in ga'a;namoota kana irraa hafan immoobillaa diinota isaaniitti dabarsee nan kenna;ani Waaqayyo kana dubbadheera? jedhe*.[99]
10Ana nama namni hundinuuqoccolee loluuf wayyoo!Yaa haadha ko maaliif na deesse?Ani nama tokko irraa illee waa hin liqeeffanne,nama tokkoofis waa hin liqeessine;haa ta'u iyyuu malee,hundumti isaanii na abaaru*.
11Waaqayyo garuu,?Ani dhugumaan wanta gaariidhaaf sin hambisa,diinni kees yeroo rakkinaa fi yeroo gidiraattiakka si kadhatu nan godha.
13Sababii cubbuu guutummaa biyya keetiikeessatti hojjetameef,ani badhaadhummaa fi qabeenya biyya keetiisaamamuutti dabarsee nan kenna*.
14Sabni kee diinota isaaniitiin booji'amaniigara biyya hin beekneettiakka dabarfaman nan godha;dheekkamsi koos ibidda isinitti qabsiiseeisin in guba? jedhe*.[100]
15Yommus ani immoo, ?Yaa Waaqayyo,ati waan hundumaa beekta,na yaadadhu, na oolchi!Warra na miidhuu barbaadan irrattisijaa anaaf baasi!Ani siif jedhee yeellooakkan baadhu beekta'o,isaaniif obsuuf jetteeana hin balleessin!
16Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa,ani kan kee ti'o,dubbii kee yommuun argadhe,akka nama buddeena nyaatuuttiisa nan nyaadhe,innis garaa koo gammachuu fiqannoodhaan in guute*.
17Ani warra ga'iftuu gidduu taa'eeisaanii wajjin hin gammanne;harka kee jala waanan jiruuf,ani aariidhaan guutameekopha-galeessa nan ta'e*.
18Dhiphinni koo maaliif dhuma dhabe?Madaan koos maaliif fayyuu dide?Ati akka laga guddaa isa namnibishaan keessaa argachuuf abdateeyommuu dhaqu immoo dhabee qaana'uu na gootee ree?? nan jedhe*.[101]
19Kanaaf Waaqayyo anatti dubbatee,?Ati yaada kee gara koottiyoo deebifte,ani iddoo keetti sin deebisa, hojjetaa koos in taata;ati dubbii waa'ee hin baafne dhiifteeisa waa'ee baasu yoo dubbate,afaan anaaf in taata;isaan gara keetti haa deebi'an!Ati garuu gara isaaniitti hin deebi'in*!
20Ani saba kanaafakka keenyansibiila borrajjii irraa hojjetameeakka taatu sin godha;isaan si irratti ka'anii yoo si lolan iyyuu,ani si gargaaruudhaaf, si oolchuudhaafissii wajjin waanan jiruuf,si mo'uu hin danda'an*.
21Ani harka warra hamootaa keessaa sin baasa,qabaa warra gara-jabeeyyii keessaas sin fura? jedhe;Waaqayyo kana dubbateera*.[102]