1Dubbiin Waaqayyo biraa gara ana Ermiyaas dhufe kanatti fufee jira;
2inni, ?Ka'ii gara mana namicha suphee dha'u tokkootti gad bu'i, wanta ani achitti sitti himus dhaga'i!? jedhe.
3Ani kana irratti ka'ee gara mana namicha suphee dha'u sanaatti gad nan bu'e. Kunoo, namichi gabatee dhagaa boolla garaa garaa qabu keessatti suphee in dha'a ture;
4utuma inni hojjechuutti jiruu, qodichi yommuu isa harkatti badu immoo suphichuma irraa deebisee qodaa kan biraa isatti kan tolu in dha'a ture.
5Yommus dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,
6?Yaa namoota Israa'el, isin harka koo keessatti akkuma suphee isa harka namicha suphee dha'u keessaa ti, egaa yaa namoota Israa'el! Akkuma namichi suphee sana godhe, ani akkasuma isin gochuu hin danda'uu ree*?
7Battaluma ani saba tokko yookiis mootummaa tokko buqqisuuf, kuffisuuf, balleessuufis dubbadhutti*,
8sabni ani itti dubbadhe sun karaa isaa isa hamaa irraa yoo deebi'e, wanta hamaa isa ani itti fiduuf yaade sana nan dhiisa*;
9battaluma ani, ?Saba tokko yookiis mootummaa tokko nan ijaara, nan dhaabas? jedhutti,
10inni immoo ana duratti wanta hamaa yoo hojjete, anaafis abboomamuu yoo dide, ani wanta gaarii isan isaaf gochuu yaade sana hundumaa nan dhiisa? jedhe; kana Waaqayyotu dubbate.
11Kanaaf ati namoota Yihudaatiin, warra mandara Yerusaalem keessa jiraataniinis, ?Waaqayyo, ?Isin adduma addaan karaa keessan isa hamaa irraa deebi'aatii, jireenya keessanii fi hojii keessan qajeelfadhaa! Kanaa'achi ani kunoo, wanta hamaa isinitti nan fida, akeekas isin irratti nan baafadha? jedheera? jedhi*!
12Isaan immoo deebisanii, ?Lakkii, kun homaa waa'ee hin baasu, nuyi hundumti keenya akka barbaannetti yaada keenya isa hamaatti qabamnee jiraanna malee, kana gochuu hin dandeenyu? in jedhu*.
13Kanaaf Waaqayyo isaanitti dubbatee,
14
15
16
17
18Isaan, ?Lubni, seera barsiisuun, ogeessi gorsuun, raajiinis wanta ta'uuf jiru dubbachuun amala waan ta'eef, kottaa Ermiyaas irratti waa in malla; dubbii isaa fudhachuu dhiifnee, ittiin isa in qabannaa!? jedhanii walitti in dubbatu*.
19
20
21
22
23