Macaafa Ermiyaas Raajichaa 2:1-37 GAZB1997 - Bible AI

1Dubbiin Waaqayyoo gara koo dhufee,

2?Dhaqii namoota mandara Yerusaalemitti sagalee kee ol fuudhii lallabiitii,

2Waaqayyo, ?Amanamummaa kee isa yeroo ijoollummaa keetii nan yaadadha; ati akka misirroon dhirsa ishee jaallattutti akka na jaallattes beeka; ati lafa onaa keessa na duukaa adeemte, lafa sanyiin irratti hin facaafamne keessattis na duukaa in buute*.

3Israa'el ana Waaqayyoof addaan ba'ee ture, akka midhaan koo isa angafaas ture; namni isa nyaatu hundinuus akka nama yakkaatti in ilaalama, badiisis isa in qabata ture? jedhi!? naan jedheera; kana Waaqayyotu dubbate*.[9]

4Isin yaa sanyii Yaaqoob, gosa Israa'el kan taatan hundumti keessan dubbii Waaqayyoo dhaga'aa!

5Waaqayyo, ?Abboonni keessan balleessaa maalii ana irratti arganii, anattii fagaatanii waaqayyolii waa'ee hin baafne duukaa bu'anii, ofii isaaniitiis warra waa'ee hin baafne ta'an*?

6Isaan, ?Waaqayyo inni biyya Gibxii keessaa nu baasee, lafa onaa, biyya lafa duwwaa lafa gogaa bishaan keessa hin jirre keessa, dachaa dukkanaa'aa[10] kan namni keessa hin jiraanne, keessa hin darbine keessas nu geggeesse eessa jira?? jedhanii hin gaafanne*.

7Ani wanta lafichi baasu isa ba'eessa sana, akka isin irraa nyaattaniifan, gara biyya midhaan baasuutti isin galche; isin garuu achitti yommuu galtan biyya koo in xureessitan, dhaalli ani isiniif kennes akka ciigga'amu in gootan*.

8Luboonni, ?Waaqayyo eessa jira?? jedhanii illee hin gaafanne; warri seera of harkaa qabanis ana hin beekne; warri tiksoota sabaa ta'an ana irratti in ka'an, raajonnis maqaa Ba'aal Waaqayyo tolfamaatiin raajii in dubbatan, waaqayyolii waa'ee hin baafne duukaas in bu'an*.[11]

9?Kanaaf ani Waaqayyo isiniin nan morma, ijoollee ijoollee keessaniitiinis nan morma.

10Wanta sabni koo ana irratti hojjete, sabni kan biraa hojjeteera yoo ta'eef, gama Kiitiim[12] biyya bishaan gidduutti ce'aatii ilaalaa! Biyya Qedaarittis nama ergaatii gaafachiisaa!

11Waaqayyoliin isaa Waaqayyo isa dhugaa miti yoo ta'an iyyuu, sabni waaqayyolii isaa geddaru jiraa ree? Sabni koo garuu ana ulfina isaa waaqayyolii waa'ee hin baafnetti in diddiire*.

12Yaa bantiiwwan waaqaa nana, wanta kana dinqisiifadhaa! Sodaadhaa, rom'aas! Kana anatu dubbate.

13Sabni koo jal'ina lama hojjete; ana isa burqaa bishaan jireenyaa ta'e dhiisee, qodaa bishaanii isa urataa bishaan baachuu hin dandeenye in tolfate*.[13]

14?Israa'el garbicha bitame miti, yookiis garbummaatti dhalate miti, egaa maaliif diinni isa adamsa ree?

15Warri akka leenca saafelaa isatti in aadan, ittisi in gururi'an; biyya isaa in balleessan; akkasittis mandaroonni isaa diigamanii in onan*.

16Amma immoo warri mandara Memfiisii[14] fi warri mandara Taahafenee dhufanii gubbee mataa isaa in caccabsu*.

17Yaa Israa'el, ana Waaqayyo gooftaa kee isa baricha sana karaa irra si geggeessaa ture dhiisuu keetiin kana hundumaa ofitti fidde mitii ree*?

18Egaa biyya Gibxii dhaqxee bishaan laga Sihoor dhuguun, biyya Asor dhaqxees bishaan laga Efraaxiis dhuguun maal siif godha*?

19Sababii balleessaa keetiif in adabamta, ana Waaqayyottii deebi'uu keetiifis in ifatamta; kunoo, ana Waaqayyo gooftaa kee sodaachuu dhiiftee anattii deebi'uun kee wanta hamaa, dhiphinas akka sitti fidu beeki! Ani Waaqayyo gooftaan maccaa kana dubbadheera.[15]

20?Ati gooftummaa koo jalaa baatee, hidhaas kutattee ?Ani siif hin hojjedhu!? erga jettee turteetta; ati gaalamootummaadhaaf iddoo ol ka'aa hundumaa irra, muka baala qabu hundumaa jalas in ciifte*.

21Anoo muka waynii isa fo'amaa fi ba'eessa, isa iji isaa gugguutuun si dhaabe, ati attamitti deebitee muka waynii isa jibbamaa waa'ee hin baafne na duraa taate*!

22Daaraadhaa fi saamunaa baay'eedhaan yoo dhiqatte iyyuu, xuriin yakka keetii ija koo duraa hin badu; ani Waaqayyo gooftaan kana dubbadheera*.

23Ati attamitti, ?Ani hin xuroofne, Ba'aal duukaas hin buune? jechuu dandeessa ree? Isa dachaa keessatti hojjechaa turte yaadadhu, wanta achitti gochaa turtes yaadaan qabi! Ati akka gaala dhaltuu asii fi achi fiigduu ti*.

24Ati akka harree diidaa ishee dhaltuu lafa onaatti bartee, akka ishee yommuu waa dharraatu qilleensa suuftuu ti; hawwii ishee eenyutu gad qabuu danda'a? Korommiin harree ishee barbaaduudhaaf hin dhama'an, yeroo ariisaan ishee ga'u rakkina malee ishee in argatu.

25Ani, ?Hamma kopheen si irratti dhumutti, hamma dheebottee afaan si gogutti duukaa hin fiigin!? nan jedhe; ati immoo, ?Lakkii na dhowwuun kee homaa waa'ee hin baasu, ani waaqayyolii ormaa nan jaalladha, isaan duukaas nan bu'a? in jette*.[16][17]

26?Akkuma hattuun hanna irratti yommuu qabamtu yeellaatu, akkasuma sabni Israa'el, namoonni isaanii, mootonni isaanii, angafoonni isaanii, luboonni isaanii fi raajonni isaanii hundinuu in yeella'u.

27Isaan mukaan, ?Ati abbaa koo ti?, dhagaadhaanis, ?Situ na da'e? in jedhan; isaan dugda isaanii gara kootti deebisan malee, fuula isaanii gara kootti hin deebifne; yommuu rakkatan garuu, ?Kottuu nu gargaari!? jedhu*.

28Yaa warra Yihudaa, waaqayyoliin isin tolfattan, warri hamuma mandara keessanii baay'atan eessa jiru? Mee isaan dhufanii rakkina keessan kana keessaa isin haa baasan kaa*![18]

29?Isin hundumti keessan ana irratti erga kaatanii, attamitti immoo amma ana hammeessitu ree?

30Ani akkasumaanan ilmaan keessan rukute, isaan garuu adaba koo fudhatanii hin qajeelle; isin akka leenca madaa'e billaa keessaniin raajota keessan in fixxan*.

31Isin yaa warra si'anaa, dubbii koo yaadaan dhaggeeffadhaa! Yaa Israa'el, ani akka lafa onaa yookiis akka iddoo dukkanaan sitti ta'ee ree? Isin sabni koo maaliif, ?Nuyi lafa jaallanne dhaqna malee, si'achi gara kee hin dhufnu? jettu*?[19]

32?Durbi mi'a miidhaginaa ishee in irraanfattii ree? Misirroonis mi'a ittiin naqatamte in irraanfattii ree? Sabni koo garuu bara lakkoobsa hin qabneef na irraanfate*.

33Ati warra si jaallatan duukaa bu'uudhaaf baay'ee afchaala, dubartoonni warri manca'an iyyuu waa'ee kanaa si irraa in baru*;

34dhiigni hiyyeessota balleessaa hin qabnee warra hanna irratti hin qabaminii andaara uffata kee irratti in argama; kana hundumaa keessaa immoo*,

35?Ani balleessaa hin qabu, kanaaf dheekkamsi isaa ana irraa deebi'e? in jetta. Kunoo! Ati, ?Ani cubbuu hin hojjenne? waan jetteef, ani immoo sitti nan farada;

36ati maaliif karaa kee geggeddaruudhaaf ariifattee asii fi achi adeemuu baay'ifta? Akkuma warri Asor si yeellaasisan, akkasuma warri Gibxii si in yeellaasisu.

37Warra ati amanatte sana, ani Waaqayyo waanan tuffadheef, isaan si gargaaruu hin danda'an; kanaafis ati mataa qabattee achi keessaa in baata? jedhe*.[20]

er>