Macaafa Ermiyaas Raajichaa 20:1-18 GAZB1997 - Bible AI

1Yeroo sana Phashhur lubichi ilmi Iimer geggeessituu hojii mana qulqullummaa inni ture, Ermiyaas raajii kana utuu dubbatuu in dhaga'e;

2Phashhur lubichi Ermiyaas raajicha qabsiisee, reebee mana hidhaa isa karaa balbala Benyaamiin isa bukkee mana qulqullummaa gara oliitiin jiru keessatti miilla isaa jirma lama gidduu galchee in hidhe*.

3Borumtaa isaa Phashhur lubichi Ermiyaasin hidhaadhaa yommuu hiike, Ermiyaas raajichi Phashhuriin, ?Waaqayyo, ?Maagor Miisaabiib? jedhee si moggaase malee, ?Phashhur? siin hin jenne? jedhe; [?Maagor Miisaabiib? jechuun, ?Isa karaa hundumaa bir'achiisu? jechuu dha]*.

4Waaqayyo kunoo! ?Ofii kee, firoota kees bir'achiisuuf akka taatu ani nan godha; firoonni kee utuu ati ilaaltuu billaa diinota isaaniitiin in dhumu; ani guutummaa biyya Yihudaa harka mootii Baabilonitti dabarsee nan kenna, innis warra kaan achumatti billaadhaan in fixa; kaan immoo booji'ee biyya Baabilonitti in geessa.

5Guutummaa badhaadhummaa mandarattii kanaa, waan isheen argattu, mi'a gati-jabeessa, qabeenya mootota Yihudaa hundumaas harka diinota isaaniitti dabarsee nan kenna; isaan waan hundumaa saamanii fudhatanii gara biyya Baabilonitti in geessu*.

6Atis yaa Phashhur, warra mana kee keessa jiraatan hundumaa wajjin booji'amtee gara biyya Baabilonitti in geeffamta; firoota kee warra raajii sobaa isaaniif dubbatte hundumaa wajjinis achitti duutee achumatti in awwaalamta? jedhe.[124]

7Yaa Waaqayyo! Ati na gowwoomsite, anis nan gowwoomfame; ati jabaa waan taateef humna na caalte; namoonni hundinuu anatti in ga'isu, guyyaa hundumaas anatti in kolfu*;

8jal'innii fi nama miidhuun isaan keessa akka jiru, yeroo hundumaa sagalee koo ol fuudhee isaanitti nan hima; isaan garuu dubbii kee kanaaf jedhanii na arrabsu anatti in ga'isus.

9Ani garuu, ?Maqaa Waaqayyoo hin dha'u, maqaa isaatiinis waan tokko illee namatti hin himu? yoon jedhe, dubbiin kee lafee koo keessa lixee, garaa koo keessatti akka ibidda boba'uu waan ta'eef, ani isa ittisuu yoon yaale iyyuu homaa hin danda'u*.

10Isaan keessaa baay'een hasaasanii, ?Bir'annaan iddoo hundumaa jira, isa hammeessaa! Kottaa isa in hammeessinaa!? in jedhu; warri firoota koo ta'an illee, ?Inni amma kufa; tarii inni gowwoomee wanta hin taane yommuu dubbatu, isa qabnee ijaa in baafanna? jedhanii na eegu*.[125]

11Waaqayyo garuu akka loltuu jabaa fi sodaachisaatti anaa wajjin waan jiruuf, warri na ari'atan in kufu malee, ana hin mo'an; wanti isaan yaadan isaaniif ta'uu waan dideef in yeella'u, salphinni isaaniis raawwatee hin irraanfatamu*.

12Yaa Waaqayyo gooftaa maccaa, ati isa qajeelaa qortee in ilaalta, golee garaa namaa keessas in argita; ani rakkina koo sitti himadheera'o, isaan irratti ijaa baasii na argisiisi*!

13Waaqayyo warra gadadamoo harka warra hamootaa keessaa waan baaseef, isa faarfadhaa, isa jajadhaas*![126]

14Guyyaan ani itti dhaladhe abaaramaa haa ta'u! Guyyaan haati koo itti na deesses hin eebbifamin*!

15Namni abbaa kootiin, ?Ilma godhatteetta? jedhee misraachoo itti himes abaaramaa haa ta'u!

16Namni sun akka mandara ishee Waaqayyo oo'a malee gara galchee haa ta'u! Ganama iyya haa dhaga'u, guyyaa saafaas waci lolaa isatti haa ka'u*!

17Waaqayyo gadameessa haadha koo keessatti ana ajjeeseera utuu ta'e, silaa isheen iddoo awwaalaa anaaf in taati; gadameessi ishees awwaala guddaa anaaf ta'ee in hafa ture.

18Ani rakkinaa fi gidiraa arguudhaaf jedhee, maaliifan gadameessa haadha koo keessaa ba'e? Bara koos maaliifan yeelloodhaan fixa*?[127]

ter>