1Bara Zedeqiiyaan mootichi Phashhur ilma Malkiiyaa fi Sefaaniyaa lubicha ilma Ma'aseyaa gara Ermiyaasitti erge, dubbiin Waaqayyoo gara Ermiyaas raajichaa in dhufe*;
2warri mooticha biraa ergaman, Ermiyaasiin, ?Mootichi, ?Nebukadnezaar mootiin Baabilon waan nutti duuleef, Waaqayyoon akka nuuf gaafattu sin kadhadha; tarii Waaqayyo akkuma bara durii dinqii godhee isa nu irraa in deebisa ta'a? jedhe? jedhan*.
3Ermiyaas immoo deebisee, ?Dhaqaatii Zedeqiiyaadhaan,
4?Waaqayyo inni kan Israa'el:- Kunoo! Ani mi'a waraanaa isa harka keessan keessa jiru, isa isin mootii Baabilonii fi warra Kaldootaa, warra kellaa duubaan isin marsanii jiran ittiin loluudhaaf jettan kana isinitti gara nan galcha; mandara kana keessattis walitti isaan nan qaba;
5ani ofii kootii harka koo ol fudhadhee irree jabaadhaan, dheekkamsaa fi aarii boba'aadhaan oo'a malee lola isinitti nan kaasa*;
6namaa fi horii mandara kana keessa kan jiraatan hundumaa nan rukuta; dha'icha jabaadhaanis isaan nan fixa.
7Kana booddee immoo Zedeqiiyaa mootii Yihudaa, hojjetoota isaa, namoota warra mandara kana keessatti dha'icha irraa, billaa irraa, beela irraas hafan hundumaa harka Nebukadnezaar mootii Baabilonitti, harka diinota isaanii warra lubbuu isaanii balleessuu barbaadanittis dabarsee nan kenna; diinni kun utuu isaan hin baraarin, utuu isaaniif hin oo'in, utuu isaaniif hin hilinis billaadhaan isaan in rukuta? jedhaatii itti himaa!? jedhe*.
8Waaqayyo ammas raajichatti dubbatee, ?Saba kanaan, ?Waaqayyo:- Ani karaa jireenyatti geessuu fi karaa du'atti geessu isin dura kaa'eera*;
9namni mandarattii kana keessatti hafu billaadhaan, beelaan yookiis dha'ichaan in du'a; namni achi keessaa ba'ee warra Baabilon warra mandarattii marsanitti harka isaa kennu garuu lubbuu isaa in oolfata, in jiraatas*.
10Ani wanta gaariidhaaf utuu hin ta'in, wanta hamaadhaaf fuula koo mandarattii kanatti nan deebisa; isheen harka mootii Baabilonitti in kennamti, inni immoo ibiddaan ishee in guba; ani Waaqayyo kana dubbadheera jedhe? jedhi*!
11
12
13
14