Macaafa Ermiyaas Raajichaa 22:1-30 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo ammas itti fufee raajichaan, ?Ka'ii gara mana mootummaa mootii Yihudaatti gad bu'ii, achittis dubbii kanatti fufee jiru dubbadhu!

2?Ati yaa mootii Yihudaa, yaa isa teessoo Daawit irra teessuu, dubbii Waaqayyoo dhaga'i, hojjetoonni kee fi sabni kee warri karaa karra kanaa ol lixan hundinuu haa dhaga'an!? jedhi? jedhe.

3Yommus raajichi, ?Waaqayyo, ?Firdii qajeelaa kennaa, wanta ana duratti qajeelaa ta'es godhaa! Isa cunqurfame harka nama isa cunqursu jalaa baasaa! Nama galaa irratti, ijoollee abbaa fi haati irra hin jirree fi haadha hiyyeessotaa irratti jal'ina hin hojjetinaa, isaan hin cunqursinaas! Iddoo kanattis dhiiga nama balleessaa hin qabnee hin dhangalaasinaa*!

4Isin dhugumaan wanta kana gaarii gootanii yoo eegdaniif, mootonni teessoo Daawit irra taa'an hojjetoota isaanii fi saba isaanii wajjin fardeenii fi konkolaataa irra taa'anii karaa karra kanaa ol in lixu, gadis in ba'u*;

5isin garuu dubbii kanaaf abboomamuu yoo diddan, ani maqaa ofii kootiin akkuman kakadhe manni mootummaa kun in diigama? jedhee ani Waaqayyo dubbadheera*.[132]

6?Kanaaf ati yaa mana mootummaa Yihudaa, akka Giil'aadii fi akka fiixee tulluu Liibaanon anaaf miidhagduu turte; amma garuu lafa onaa isa namni keessa hin jiraanne sin godha.

7Warri si balleessan adduma addaan, mi'a waraanaa isaanii fudhatanii sitti akka dhufan nan godha; isaan gaattiraa kee isa miidhagaa murmuranii ibiddatti in naqu*.[133]

8?Sabni baay'een karaa mandara kanaa yommuu darban, ?Waaqayyo mandarattii guddoo kana irratti maaliif wanta akkasii hojjete?? jedhanii wal in gaafatu*.

9Deebiin isaa immoo, ?Isaan kakuu Waaqayyo gooftaa isaanii cabsanii waaqayyolii biraatiif sagadanii isaaniif waan hojjetaniif wanti kun ta'e? kan jedhu ta'a? jedhe.[134]

10Namni booji'amee biyyaa ba'e, deebi'ee biyya itti dhalate sana waan hin argineef, isaaf boo'aa malee, nama du'eef hin boo'inaa, hin gaddinaas!

11Waaqayyo waa'ee Shaalum mootii Yihudaa ilma Yosiyaas isa iddoo abbaa isaa Yihudaa irratti erga mo'ee, booji'amee biyyaa ba'e sanaa dubbatee, ?Inni si'achi as hin deebi'u;

12inni iddoo booji'amee dhaqee sanatti du'a malee, deebi'ee biyya kana hin argu? jedhe.

13Waaqayyo itti fufee, ?Nama mana isaa karaa jal'inaatiin ijaarratuuf, kutaa mana isaa isa mana irraas dafqa namaatiin miidhagfatuuf wayyoo! Inni akkasumaan nama in hojjechiifata, gatii dadhabbii isaatiis isaaf hin baasu*.

14Inni, ?Ani mana guddaa isa kutaa babal'aa qabu nan ijaarradha, qaawwan baay'ee itti nan baafadha, bantii isaa jalaanis muka gaattiraa isa bareedaadhaan nan miidhagfadha, qalamii diimaas nan dibsiifadha? in jedha.

15Mana kee muka gaattiraatiin miidhagsitee ijaarrachuu keetiin mootii waan taate sitti fakkaataa? Abbaan kee jireenya itti tolu jiraachaa ture; kanuma keessaa iyyuu wanta qajeelaa hojjechaa biyyas qajeeltootti bulchaa ture; kanaaf wanti hundinuu isaaf in qajeele.

16Inni hiyyeessotaaf, warra wanta isaan barbaachisu dhabaniifis in farada ture; kanaaf wanti hundinuu isaaf qajeele; kun ana Waaqayyoon beekuu dha mitii ree*?[135]

17?Iji kee fi yaadni kee garuu, bu'aa karaa jal'inaa dhufu irra kaa'amanii jiru; dhiiga nama balleessaa hin qabnee in dhangalaafta, nama in miita, jal'inas nama irratti in hojjetta? jedhe*.

18Waaqayyo waa'ee mootii Yihudaa, waa'ee Yehoyaaqiim ilma Yosiyaasiif, ?Namni, ?Wayyoo, wayyoo, yaa obboleessa ko! Wayyoo, wayyoo, yaa gooftaa ko! Wayyoo, wayyoo, yaa ulfina qabeessa ko!? jedhee isaaf boo'u hin jiru*;

19inni awwaala gaalchaa hin argatu, akka harreetti gad gototamee kellaa Yerusaalem duubatti in gatama? jedhe*.[136]

20Yaa saba Yerusaalem, warri si jaallatan hundinuu waan caccabaniif, gara Liibaanonitti ol ba'ii iyyi! Sagalee kee ol fuudhii Baashaan irratti dhageessisi, tulloota Abaariim irrattis iyyi!

21Yommuu ati nagaatti jiraachaa turte Waaqayyo sitti dubbateera, ati garuu dhaga'uu in didde; ati mucummaa keetii jalqabdee akka barbaaddetti jiraachaa turte malee, isaaf abboomamuu hin jaallanne*.[137]

22Tiksoota kee hundumaa bubbeen fuudhee in adeema, warri si jaallatanis booji'amanii keessaa in ba'u; ati immoo sababii jal'ina kee hundumaaf, in yeellaata, in salphattas.

23Yaa warra mana mootummaa Liibaanon keessa jiraattanii, yaa warra muka gaattiraatiin mana ijaarrattanii, akka dubartii da'uuf jettee miixattu, muddamni yommuu isin qabatu, attamitti namni garaa isiniif laafa ree*?[138]

24Waaqayyo, ?Yaa Yehoyaakiin ilma Yehoyaaqiim mootii Yihudaa! Dhugaa ana Waaqayyo isa jiraataa! Ati amartii mallattoo koo isa quba koo mirgaatti jiru utuu taatee iyyuu ani of ittii baasee sin gata.

25Harka warra lubbuu kee balleessuu barbaaddaniitti, harka warra ati sodatuutti, harka Nebukadnezaar mootii Baabilonii fi harka loltoota isaatti dabarsee sin kenna.

26Biyya ormaa isa isin keessatti hin dhalatin keessatti si fi haadha kee ishee si deesse nan gata; isin achitti in duutu.

27Biyya isa garaa guutuudhaan keessa jiraachuu hawwitan sanatti garuu hin deebitan? jedhe*.[139]

28Yehoyaakiin kun dhugumaan akka xuwwee cabaa isa namni dhimma itti ba'uu hin barbaannee kan tufatame dhaa ree? Maaliif innii fi ijoolleen isaa biyyaa baafamanii biyya hin beeknetti geeffamu ree?

29Yaa lafaa! Yaa lafaa! Yaa lafaa! Dubbii Waaqayyoo dhaga'i!

30Waaqayyo, ?Sanyii namicha kanaa keessaa si'achi isa dhaalee teessoo Daawit irra taa'ee biyya Yihudaa irratti mootii kan ta'u tokko illee waan hin jiraanneef, inni akka nama ijoollee hin qabnee, akka nama bara jireenya isaatti wanti tokko illee isaaf hin tolinii akka ta'e caafi!? jedhe*.[140]

ter>