Macaafa Ermiyaas Raajichaa 23:1-40 GAZB1997 - Bible AI

1Waaqayyo, ?Tiksoota, hoolonni karra koo keessa jiran akka isaan karaa irraa kaataniif akka isaan tamsa'an godhaniif, wayyoo!? jedha*.

2Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el tiksoota warra saba isaa eeganitti dubbatee, ?Isin isaan daddarbattanii isaan tamsaaftan malee, isaan hin eegne, isaaniifis hin dhimmine. Kunoo, sababii wanta hamaa akkasii hojjettaniif ani isin nan adaba; kana ana Waaqayyotu dubbate.

3Ani ofii kootii haftee hoolota kootii biyya ani itti isaan tamsaase hundumaa keessaa walitti nan qaba, karra isaanii duriittis isaan nan deebisa; isaanis achitti wal horanii in baay'atu*;

4ani tiksoota warra isaaniif dhimman nan kaasaaf; isaan si'achi hin sodaatan, hin na'an, isaan keessaas tokko illee kan badu hin jiru? jedhe*.[141]

5Waaqayyo, ?Kunoo! Barri ani itti sanyii Daawit keessaa mootii qajeelummaadhaan hojjetu kaasu in dhufa; inni mootii ogummaadhaan mo'uu fi mootii lafa irratti firdii qajeelaa fi qajeelummaa eegu in ta'a*.

6Bara isaa keessa Yihudaan in fayya, Israa'elis bir'aa malee in jiraata; maqaan isaa, ?Waaqayyo qajeelummaa keenya? in jedhama*.[142]

7?Kanaafis kunoo! Barri namoonni itti, ?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa, isa ijoollee Israa'el biyya Gibxii baasee ti? jedhanii kakachuu dhiisanii,

8?Dhugaa Waaqayyo isa jiraataa isa sanyii Israa'el biyya gara-bitaatii iddoo itti isaan tamsaasee ture sanaa baasee fidee, biyya isaanii keessa isaan teessisee ti? jedhanii kakatan in dhufa? jedhe*.[143]

9Sababii Waaqayyo karaa dubbii isaa isa qulqulluu waa'ee raajotaa anatti dubbateef, garaan koo in raafame, lafeen koo hundinuus in rom'e, ani akka nama machaa'ee fi akka nama daadhiin waynii of wallaalchisee nan ta'e.

10Namoonni Waaqayyoof hin amanamne biyyicha keessa guutaniiru; lafti sababii abaarameef hundumatu gadde, kaloon horiin keessa dheedus in goge; hundumti isaanii wanta hamaa duukaa in bu'an, aboo isaaniitiinis nama in miidhan*.

11Waaqayyo, ?Raajonnii fi luboonni xuraa'aniiru, mana qulqullummaa koo keessatti iyyuu jal'ina hojjechuu isaanii argeera*;

12kanaaf karaan isaanii mucuca kan qabu in ta'a, gara dukkanaattis darbatamanii in kufu; bara adabamuu isaaniitti ani wanta hamaa isaanitti nan fida? jedhe; Waaqayyo kana dubbateera*.[144]

13Itti dabalee Waaqayyo, ?Ani raajota Samaariyaa keessaa wanta nama jibbisiisu kan hojjetan argeera; isaan maqaa Ba'aaliin raajii dubbatanii saba koo wallaalchisaniiru.

14Raajota Yerusaalem keessaas waan nama ciiggaasisu kan hojjetan argeera; isaan in ejju, in sobu, warra nama miidhanis in gargaaru; namni karaa isaa isa hamaattii deebi'us tokko illee hin jiru; isaan hundumti isaanii akka namoota Sodoom namoonni Yerusaalem warri kaanis akka warra Gomoraa ana duratti xuraa'oo in ta'an*.

15Waaqayyo malee jiraachuun raajota Yerusaalem biyya hundumaa waan mancaaseef, kunoo, ani Waaqayyo gooftaan maccaa nyaata hadhaa'aa isaan nan nyaachisa, bishaan hadhaa qabus isaan nan obaasa? jedhe*.[145]

16Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Raajonni abdii sobaatiin waan isin gowwoomsaniif, wanta isaan isinitti dubbatan hin dhaga'inaa! Isaan wanta yaada isaaniitti mul'ate isinitti dubbatu malee, wanta ani Waaqayyo jedhu isinitti hin dubbatan;

17isaan warra na tuffataniin, ?Waaqayyo:- Nagaa in qabaattu jedha? jedhu; warra mata-jabinaan akka jaallatanitti jiraataniin immoo, ?Wanti hamaan isinitti hin dhufu? in jedhu? jedhe*.

18Raajota sana keessaa kan wanti Waaqayyo yaadee qopheessee itti mul'ate, dubbii isaa kan dhaga'e kan isaaf abboomames tokko illee hin turre*.

19Kanaafis kunoo! Bubbeen dheekkamsa Waaqayyoo inni akka ibiddaa mataa warra hamootaa irratti in bubbisa*;

20bubbeen dheekkamsa Waaqayyoo kun wanta inni yaade utuu fiixaan hin baasin, utuu hin raawwatinis hin deebi'u; kun immoo yeroo raawwatamutti arguuf jirtu.[146]

21Waaqayyo, ?Ani raajota kana hin ergine, isaan garuu ergaa ofii isaanii fudhatanii in fiigu; ani isaanitti hin dubbanne, isaan garuu raajii in dubbatu*;

22isaan wanta ani yaadee qopheesse duukaa bu'aniiru utuu ta'ee, silaa dubbii koo saba kootti himanii karaa isaa isa jal'aa fi hojii isaa isa hamaa irraa isa in deebisu turan*.

23Dhugumaan ani Waaqayyo isa dhi'oo duwwaa dhaa ree? Isa fagoo tis mitii ree?

24Bantii waaqaa keessatti, lafa irratti, iddoo hundumaattis waanan argamuuf namni suqaa keessa yoo dhokate ani isa hin arguu ree*?[147]

25?Ani isa raajonni warri maqaa kootiin sobanii raajii dubbatanii, ?Ani abju'adheera! Ani abju'adheera!? jedhan dhaga'eera;

26wanti akkasii kun garuu hamma yoomiitti garaa raajota warra yaada isaanii keessaa fuudhanii soba dubbatanii keessa jiraata?

27Akkuma abboonni isaanii Ba'aal duukaa bu'anii maqaa koo irraanfatan akkasuma isaan kunis abjuu isaanii isa walitti himaniin sabni koo maqaa koo akka irraanfatu in godhu*.

28Raajiin inni abjuu abju'ate, isuma abju'ate sana haa himu, inni dubbii koo dhaga'e immoo amanamummaadhaan isuma haa dubbatu! Habaqii fi qamadiin maal walittii qabu?

29Dubbiin koo akka ibiddaa mitii ree? Akka burruusa dhagaa kattaa caccabsuus mitii ree*?

30Kanaafis kunoo! Ani raajota warra dubbii isa wal irraa dhaga'an akka waan ana irraa dhaga'aniitti dubbatan irratti,

31raajota warra wanta ofii isaaniitii dubbatan, ?Waaqayyotu dubbate? jedhan irratti,

32raajota warra soba abju'atanii ittiin raajii dubbatanii saba koo karaa irraa kaachisan irratti nan ka'a; ani isaan hin ergine, isaan hin abboomnes; isaan immoo saba kanaaf waan tokko illee waa'ee hin baasan? jedha*.[148]

33Waaqayyo anatti dubbatee, ?Yaa Ermiyaas, saba koo keessaa namni tokko yookiis raajiin tokko yookiis lubni tokko, ?Ba'aan Waaqayyo nu irra kaa'u maali?? jedhee yommuu si gaafatu, ati immoo, ?Ba'ichi, isin; ani of irraa fuudhee isin nan gata? jedha Waaqayyo jedhiin!

34Raajiin tokko yookiis lubni tokko yookiis saba koo keessaa namni tokko, ?Wanti kun ba'aa Waaqayyo nu irra kaa'ee dha? yoo jedhe, ani immoo nama sana, maatii isaas nan adaba.

35Kanaaf tokkon tokkon namaa, ?Waaqayyo maal deebii anaaf kenne yookiis maal jedhe?? jedhee fira isaa yookiis aantii isaa haa gaafatu malee,

36?Kun ba'aa Waaqayyo ana irra kaa'ee dha? jedhe hin dubbatin! Isin dubbii ana Waaqayyo gooftaa maccaa isa jiraataa isa kan Waaqayyo keessanii waan micciirtaniif, kan isin dubbattan ba'aa isinitti in ta'a.

37Kanaaf yaa Ermiyaas, ?Waaqayyo deebii maalii isiniif kenne yookiis maal jedhe?? jedhiitii raajota gaafadhu!

38Utuma ani, ?Ba'aa kana Waaqayyotu nu irra kaa'e? hin jedhinaa! jedhee isaanitti himu, isaan immoo didanii, ?Ba'aa kana Waaqayyotu nu irra kaa'e? yoo jedhan, ati immoo,

39?Dhugumaan akka ba'aa darbadhee fuula koo duraa akkan isaan gatu, mandara ani abboota isaaniif, isaaniifis kenne keessaa akkan isaan baasu*,

40yeelloo fi qaanii bara baraan hin irraanfatamnes akkan isaanitti fidu isaanitti himi!? naan jedhe*.[149]

ter>