1Yehoyaaqiim ilmi Yosiyaas biyya Yihudaa irratti mo'ee waggaa afuraffaatti, Nebukadnezaar mootiin biyya Baabilon mo'ee waggaa tokkoffaatti, dubbiin Waaqayyoo waa'ee guutummaa saba Yihudaatiif gara Ermiyaas in dhufe*.
2Ermiyaas raajichi immoo guutummaa saba Yihudaa fi warra mandara Yerusaalem keessa jiraatan hundumaatiin,
3?Yosiyaas ilmi Amoon mootii Yihudaa erga ta'ee waggaa kudha sadaffaadhaa jalqabee hamma ammaatti waggaa digdamii sadii guutu utuun hin nuffin dubbii Waaqayyo anatti dubbate isinitti himaan ture; isin garuu dubbicha dhaga'uu hin barbaanne*.
4?Waaqayyo si'a baay'ee raajota warra hojjetoota isaa ta'an hundumaa gara keessanitti ergee ture; isin garuu isaaniif hin dhageenye, gurra keessanis gara isaaniitti hin qabne*.
5Isaanis, ?Amma hundumti keessan karaa keessan isa hamaa irraa, hojii keessan isa jal'aa irraas deebi'aa! Biyya Waaqayyo isiniif, abboota keessaniifis dhaala bara baraa godhee kenne keessa bara baraan jiraadhaa*!
6Waaqayyolii ormaa hin waaqeffatinaa, isaaniifis hin hojjetinaa! Waaqayyo akka isin hin adabnetti waaqayyolii harka keessaniin tolfattanitti sagaduudhaan isa hin aarsinaa!? isiniin jedhanii turan*.
7Isin garuu qooda Waaqayyoof abboomamuu hojii harka keessaniitiin isa aarsitanii of irratti miidhama akka fiddan Waaqayyo ofii isaatii dubbateera? jedhe.
8Kanaafis Waaqayyo gooftaan maccaa, ?Isin dubbii koo dhaga'uu waan diddaniif,
9ani kunoo, saba biyya gara-bitaa jiran hundumaa, Nebukadnezaar mootii Baabilon isa garbicha koo ta'es isinii fi biyya kanatti, warra biyya kana keessa jiraatanitti, saba naannoo biyya kanaa jiraatan irrattis waamee nan fida; ani raawwadhee isaan nan balleessa, wanta namni ilaalee sodaatuu fi wanta namni itti ga'isu isaan nan godha, bara baraanis isaan nan barbadeessa*.
10Ani sagalee gammachuu fi ilillee, sagalee dhirsa misirroo fi sagalee misirroo isaan gidduudhaa nan balleessa; sagaleen dhagaa daakuu achi keessaa hin dhaga'amu, ibsaa isaaniis nan balleessa*.
11Biyyi kun guutummaatti onee in bada, sabni kunis waggaa torbaatama mootii Baabiloniif in hojjeta*.
12Waggaan torbaatamni yommuu raawwatamu garuu ani Waaqayyo mootii Baabilonii fi biyya Baabilon, saba isaa hundumaas sababii yakka isaaniif adabee bara baraan nan onsa*.
13Ani wantan biyya kana irratti dubbadhe hundumaa, isa macaafa kana keessatti caafame, isa Ermiyaas saba hundumaa irratti raajii dubbates isaanitti nan fida.
14Ani warra Baabilonitti akka hojii isaanii fi akka balleessaa isaaniitti waanan faraduuf, isaan saba baay'eef, mootota gurguddootaafis garba in ta'u? jedhe*.
15Ergasiis Waaqayyo gooftaan inni kan Israa'el anatti dubbatee, ?Xoofoo daadhii waynii isa dheekkamsa kootiin guute kana ana harkaa fuudhii saba warra ani itti si ergu kana isa keessaa obaasi*!
16Isaan isa yommuu dhugan, lolli isaanitti akka dhufu waanan godhuuf, isaan machaa'anii in gatantaru, in maraatus? jedhe.
17Yommus ani xooficha Waaqayyo harkaa fuudhee, saba warra inni itti na erge sana hundumaatti kennee, akka isaan isa keessaa dhugan nan godhe.
18Yerusaalemii fi mandaroonni Yihudaa mootonni ishee fi gurguddoonni ishee hundinuu akka balleeffamaniif, akka jibbamaniif, kan namni ilaalee rifatu akka ta'aniif, hamma har'aatti iyyuu kan namoonni, ?Akka isaanii isin haa godhu!? jedhanii ittiin wal abaaran akka ta'aniif, walii wajjin xooficha keessaa in dhugu*.
19Fara'oon mootiin Gibxii fi hojjetoonni isaa, gurguddoonni isaa fi sabni isaa hundinuu*,
20warri ormi achi jiran hundinuu, mootonni biyya Uz, mootonni biyya Filiisxiyaa hundinuu, mootiin Ashqalon, mootiin Gaazaa, mootiin Eqroon, warri Ashdood keessatti hafan hundinuus*,
21warri Edoom, warri Mo'aab, warri Amoonis xooficha keessaa in dhugu*;
22akkasumas mootonni Xiirosii fi mootonni Sidoon hundinuu, mootonni warri galaana gama qarqara bishaanii irra jiraatan*,
23warri Dedaan, warri Temaa fi warri Buz, warri rifeensa mataa isaanii naannessanii haadanii illee isaanii irraa fixan hundinuu*,
24mootonni warra Arabaa hundinuu, mootonni saba garaa garaa warri lafa duwwaa keessa jiraatan hundinuu*,
25mootonni Ziimrii, mootonni Elaamii fi mootonni Medoon hundinuu*,
26mootonni biyya gara-bitaa warri fagoo fi dhi'oo jiran hundinuus irraa jalaan dhufanii in dhugu; akkasitti mootonni biyya lafaa irra jiran hundinuu in dhugan; isaan kana hundumaa booddee immoo mootiin Sheshaak in dhuge*.
27Kana booddee Waaqayyo gooftaan maccaa, Waaqayyo inni kan Israa'el, ? ?Lolli isinitti akka dhufu waanan godhuuf, hamma machooftanii hoqqiftanii kufaatii hin kaane kuftanitti dhugaa!? jedhii isaanitti himi!
28Isaan immoo xooficha si harkaa fuudhanii dhuguu yoo didan, ati immoo isaaniin, ?Kana dhuguun akka isin irra jiru Waaqayyo gooftaan maccaa anatti dubbateera? jedhiin*!
29Ani kunoo! Mandara ishee maqaan koo keessatti waamamu balleessuu nan jalqaba, warra lafa irra jiraatan hundumaa irrattis lolli akka ka'u nan godha, isin immoo adabamuu waan ooltan isinitti fakkaataa ree? Lakkii! Isinis in adabamtu? jedhe; kana Waaqayyo gooftaa maccaatu dubbate*.
30Itti fufees Waaqayyo, ?Yaa Ermiyaas, ati dubbii kana hundumaa jara kana irratti raajii dubbadhu,
31
32
33Gaafas reeffi warra Waaqayyo isaan ajjeesee daarii lafaa gar tokkoo hamma gara kaaniitti bakkeetti in argama; reeffi isaanii lafaaf kosii ta'a malee, namni isaaniif boo'u, namni walitti qabee isaan awwaalus hin jiru*.
34
35
36
37
38