1
2
3
4
5
6Bara Yosiyaas mootii turetti Waaqayyo ana Ermiyaasitti dubbatee, ?Wanta Israa'el isheen hin amanamne kun hojjette argiteettaa? Isheen gaara dheeraa hundumaa irratti, muka baala qabu hundumaa jalattis ejjiteetti*;
7?Kana hundumaa erga gootee iyyuu gaabbitee gara kootti in deebiti? jedheen yaade; isheen garuu hin deebine; obboleettiin ishee Yihudaan isheen hin amanamnes kana in argite.
8Ani Israa'elin sababii ejjummaa isheetiif caaffata isheen ittiin baatu kenneefii gad nan dhiise; haa ta'u iyyuu malee, obboleettiin ishee Yihudaan isheen hin amanamne utuma kana argituu dhaqxee in ejjite*;
9ejjuun isheetti salphaa waan fakkaatuuf dhagaadhaa fi mukatti sagaduudhaan biyyichaa fi ofii ishee in xureessite*.
10Yihudaan obboleettiin ishee isheen hin amanamne sobdee waan deebite fakkaatte malee, garaa ishee hundumaan gara kootti hin deebine? naan jedhe; Waaqayyo kana dubbateera.
11Ammas Waaqayyo anatti dubbatee, ?Yihudaa ishee hin amanamne irra, Israa'el ishee ana Waaqayyo irraa gara galtetu qajeeltuu dha*;
12egaa dhaqii dubbii kana biyya gara bitaatti dubbadhuu, ?Yaa Israa'el, ishee ana Waaqayyo irraa gara galtee, ani araara-qabeessa waanan ta'eef, hamma bara baraatti sitti hin dheekkamu, ija dheekkamsaatiinis si hin ilaaluutii, gara kootti deebi'i!? jedhi*!
13Ati, ?Ana Waaqayyo gooftaa keetiif abboomamuu diduudhaan ana irratti kaatee muka baala qabu hundumaa jalatti waaqayyolii ormaatiif waan sitti tolu waan hojjetteef, ati yakka kee beeki!? jedhi!? jedhe; Waaqayyo kana dubbateera*.
14Waaqayyo, ?Yaa saba anattii gara galtanii, ani gooftaa keessani'o deebi'aa! Ani isin keessaa mandara mandaraa nama tokko tokko, qomoo qomoo keessaa nama lama lama, deebisee gara Xiyoon nan fida*.
15Ani tiksoota warra akka garaa kootii isiniif nan kenna; isaan beekumsaa fi hubachuudhaan isin in geggeessu*;
16isin baay'attanii biyyicha keessa yommuu guuttan, namni waa'ee bidiruu kakuu Waaqayyoo dubbatu, namni waa'ee isaa yaadatu, kan isa barbaadus hin jiru; inni deebi'ee hin hojjetamu*.
17Haa ta'u iyyuu malee, yommus Yerusaalem, ?Teessoo Waaqayyoo? jedhamtee in waamamti; sabni lafa irraa hundinuu ulfina anaaf kennuudhaaf Yerusaalemitti walitti in qabamu; si'achi akka mata-jabina isaanii fi akka jal'ina isaanii isa duriitti hin jiraatan*.
18Bara sanatti namoonni Yihudaa fi namoonni Israa'el iddoo itti booji'aman biyya gara bitaatii, yommuu dhufan walitti dabalamanii gara biyya isa ani abboota keessaniif dhaala godhee kennetti in galu*.
19
20
21
22
23
24
25